Industiriiwwan walitti hidhuun fayyadamummaa Qonnaan bultoota Bunaa Omishanii mirkaneessuuf hojjetamaa jira - ENA Afaan Oromoo
Industiriiwwan walitti hidhuun fayyadamummaa Qonnaan bultoota Bunaa Omishanii mirkaneessuuf hojjetamaa jira
Mudde16/2018(ENA)-Naannoo Sidaamaatti qonnaan bultoota omishtoota bunaa kuma 200 ol ta’an Industiriiwwaniin walitti hidhuun fayyadamummaa qonnaan bultootaa mirkaneessuuf hojjetamaa jiraachuu Abbaan Taayitaa Bunaa, muduraa fi mi’eessituuwwanii beeksise.
Daarektarri Abbaa Taayitichaa Masfin Qarree ENA’f akka ibsanitti, Naannichatti omishtummaa Bunaa guddisuuf hojii hojjetameen bu’aan hedduun galmaa’aa jira.
Kanaanis Qonnaan bultoota kuma 200 ol industiriiwwan buna dhiquu fi qasharuun qopheessan waliin walitti hidhuun qulqullina bunaa fi fayydamummaa qonnaan bulaa mirkaneessuf hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru.
Hariiroo Idustiriiwwan waliin taassifameen qulqullina bunaan olitti qonnaan bulaan omishicharraa faayidaa maluuf akka argatuuf dandeesisuusaa eeruun waggaa darbe industiriiwwan10n bu’aa qooddachuusaanii ibsaniiru.
Naannichatti Aanaa Banisaatti qonnaan bultoota walitti hidhaminsa uuman, walitti hidhaminsa qulqulinaa fi fayyadamummaa qonnaan bultootaa kan bu’uureffate ta’uu ibsaniiru.
Kanaanis qonnaan bulaan dhaabbii biqiltuutii hanga buna funaanuutti deeggarsa ogeessaa akka argatu taassifamaa jiraachuu ibsaniiru.
Qonnaan bultoota buna Industiriif dhiheessan keessaa qonnaan bulaa Asfaawu Hoshee dhaabbiiraa eegalee hanga buna funaanuutti gorsa ogeessaa fudhachuun hojjechuusaaniin omisha fooyya’aa argachuusaanii ibsaniiru.
Buna bilchaate oyruusaaniiirraa funaanuun kiiloo giraamii 220 ol Industiriiwwan walitti hidhminsa uumaniif dhiheessuun gatii madaaluun gurguruusaanii dubbataniiru.