Paarkiiwwan Industirii qindaa’aan bu’uuraalee misoomaa guutuu qaban ni ijaaramu - ENA Afaan Oromoo
Paarkiiwwan Industirii qindaa’aan bu’uuraalee misoomaa guutuu qaban ni ijaaramu
Mudde 16/2018(ENA) – Ijaarsi paarkiiwwan industirii qindaa’aan bu’uuraalee misoomaa guutuu qabanii fi dhaqqabummaa gabaa oomisha qonnaa babal’isan hojjetamaa jiraachuu Ministirri Industirii Malaakuu Allebal ibsan.
Ministeerri Industirii abbootii qabeenyaa kan hirmaachise fooramii invastimantii magaalaa Finfinneetti gaggeessaa jira.
Ministirri Industirii Malaakuu Allebal wayita sana akka jedhanitti, sosochiin Itiyoophiyaan haa oomishtuu Industirii kakaasuun bu’aa gaarii argamsiiseera.
Itiyoophiyaatti dhaqqabummaa gabaa oomisha qonnaa babal’isuuf paarkiiwwan industirii qindaa’aan bu’uuraalee misoomaa barbaachisoo ta’an waliin ijaaramaa akka jiran ibsaniiru.
Akka biyyaatti paarkiiwwan qindaa’aa sadii ijaaramanii kan xumuraman ta’uu eeruun, paarkiiwwan qindaa’aan Naqamtee fi Giddugala Gondar ijaaramuu jalqabaniiru jedhan.
Ijaarsi paarkii industirii qindaa’aan hirmaannaa damee oomisha dhuunfaa dabaluun dorgomtummaa biyyaalessaa akka guddisus ibsaniiru.
Kunis,Oomishaaleen industirii paarkoota keessatti oomishaman daldala alaa fi gabaa biyya keessaa tasgabbeessuuf gumaacha olaanaa kan qaban ta’uu ibsaniiru.
Itiyoophiyaan abbootii qabeenyaa dhuunfaaf haala invastimantii mijaa’aa uumaa akka jirtu eeruun, qooda fudhattoonni damee dhuunfaa oomishaalee gabaa addunyaa irratti dorgomaa kan isaan taasisu oomishuuf bal’inaan akka hirmaatan waamicha dhiyeessaniiru.