Tamsaasa Kallatti:

Hidhi haaromsaa Itiyoophiyaa guddichi kaleessa, har’aa fi boru kan walitti hidhu meeshaa seenessi waloo ittiin ijaaramudha

Mudde 16/2018(ENA)-Hidhi haaromsaa Itiyoophiyaa guddichi kaleessa, har’aa fi boru kan walitti hidhu meeshaa seenessi waloo ittiin ijaaramudha jedhan de’eetaan ministira nageenyaa doktar kayiraddiin Tazarraa.

Waltajjiin marii “waa’ee Itiyoophiyaa” dhaabbanni pireesii Itiyoophiyaa mata duree “hidhi haaromsaa bayyanachuu Itiyoophiyaaf” jedhuun qopheesse bakka hidhi haaromsaa argamutti Gubaatti gaggeeffamaa jira.

De’eetaan ministira nageenyaa doktar kayiraddiin Tazarraa akka jedhanitti, Itiyoophiyaanonni waliin tumsuun hidha haromsaa Itiyoophiyaa guddicha dhugoomsaniiru.

Yoo ida’amne ammam milkaa’uu akka dandeenyu hidhi haaromsaa agarsiiftuudha kan jedhan de’eetaan ministiraa  kun, tokkummaan sabdaneessummaa shoora gaarii gumaachuusaa kaasaniiru.

Hidhi haaromsaa abjuu fi abdii waloo kan dhugoomse pirojektii guddaa ta’uusaa eeranii, hidhichi kaleessa, har’aa fi boru kan walitti hidhu meeshaa seenessi waloo ittiin ijaaramudha jedhaniiru.

Itiyoophiyaan hidha haaromsaa ga’umsasheetiin ijaaruudhaan miira nidanda’amaatiin Afriikaanota irra deebi’uun injifannoo olaanaaf kakaasuushee ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015