Itiyoophiyaan muuxannoo Gabaa Omishaashee Biyyoota Afriikaaf qooduun shoora ardii bahaa jirti - ENA Afaan Oromoo
Itiyoophiyaan muuxannoo Gabaa Omishaashee Biyyoota Afriikaaf qooduun shoora ardii bahaa jirti
Mudde 16/2018(ENA)-Itiyoophiyaan Sirna Gabaa Omishaarratti Muuxannoo bal’aa kuufatte Biyyoota Afriikaaf qooduun shoora Ardii bahaa jiraachuushee Hojii gaggeessaa olaanaan Gabaa Omishaa Itiyoophiyaa Margaa Baay’isaa ibsan.
Hojii gaggeessaa olaanaan Gabaa Omisha Itiyoophiyaa Margaa Baay’isaa tuirtii ENA waliin taasisaanii fooyya’insa hojmaata dhaabbataa taasisuun tajaajila omishaa gabaa ammayyeessaa akka jiru ibsaniiru.
Humna murteesaa Gabaan omisha Itiyoophiyaa uume biyyoonni Afriikaa Muuxannoo kan irraa fudhatan dhaabbata Ardii adda duree ta’uu akka danda’u dubbataniiru.
Dhaabbatichi qulqullina safartuu olaanaa taassisuun milkaa’ina guddaa galmeessuusaa obbo margaan ibsaniiru.
Yeroo ammaa gosa omishaa 28f safartuun qulqullinaa baheefii gurgrurtaan gaggeefamaa jiraachuu dubbataniiru.
Hanqina ogeeyyii damichaan jiru guutuuf Akkaadaamiin gabaa omisha Itiyoophiyaa dhaabbatee leenjii bal’aan kennamaa jiraachuu beeksisaniiru.
Keessumaa dhandhama bunaan, Midhaan dheedhii fi Zayitaan leenjiiwwan qorannoorratti xiyyeeffatan leenjiin biyya keessaa fi alatti kennamaa jiraachuu ibsaniiru.
Gabaan omisha Itiyoophiyaa hojmaata Qindaa’aa hordofu kanneen biroof fakkeenyaa akka ta’u hojii gaggeessaa olaanaan kun ibsaniiru.
Kana hordofuun Taanzaaniyaa, Angoolaa fi Gaanaan Modeelaa Biizinasii Itiyoophiyaa fi sirna to’annaa qulqullinaa ka’umsa godhachuun gabaa omishaa mataasaanii hundeessuusaanii beeksisaniiru.
Yeroo dhihoo ogeeyyiin Taanzaaniyaa fi Keeniyaarraa dhufan Itiyoophiyaatti leenjii kan fudhatan yoo ta’u, Ogeeyyin Itiyoophiyaa gara biyyoota adda addaa deemuun deeggarsaa fi leenjii kennaa jiraachuu kaasaniiru.
Dhaabbatichi humnaa fi bu’uuraalee misoomaa akkaadaamichaa guddisuun tajaajila fooya’aa kennuuf hojjechaa jirachuu dubbataniiru.