Tamsaasa Kallatti:

Hidhi haaromsaa Itiyoophiyaa guddichi milkaa’ina Itiyoophiyaanonni qajeelfama ida’amuutiin galmeessisanidha

Mudde 16/2018(ENA)- Hidhi haaromsaa Itiyoophiyaa guddichi milkaa’ina misoomaa olaanaa Itiyoophiyaanonni ida’amuun qajeelfamanii galmeessisan ta’uu bulchaan naannoo Beniishaangul Gumuz Ashaadlii Hasan ibsan.

Waltajjiin marii “waa’ee Itiyoophiyaa” kan dhaabbata pireessii Itiyoophiyaan qophaa’e bakka hidhi haaromsaa Itiyoophiyaa argamu Gubaatti mata duree “hidhi haaromsaa guddichi bayyanachuu Itiyoophiyaaf” jedhuun gaggeeffamaa jira.


 

Miseensota mana maree bakka bu’oota ummataa fi hooggantoota mootummaa olaanoo dabalatee qooda fudhattoonni garagaraa waltajjicharratti argamaniiru.

Bulchaan naannoo Beniishaangul Gumuz Ashaadlii Hasan waltajjchi wayita banamu akka jedhanitti, Itiyoophiyaanonno qormaattota keessaa fi alaa damdamachuudhaan ijaarsa hidha haaromsaa Itiyoophiyaa guddicha milkeessaniiru.

Kun ammo kaayyoo tokkoof waliin dhaabbachuun bu’aa barbaadamau fiduun akka danda’amu agarsiiftuu ta’uu eeranii, hidhi haaromsaa naannichaaf carraa invastimantii uumuusaa kaasaniiru.


 

Haroon Nigaat hidha Kanaan uumame baay’inni tuuristii akka dabalu qooda guddaa baheera jedhaniiru.

Hidhi haaromsaa Itiyoophiyaa guddichi milkaa’ina Itiyoophiyaanonni qajeelfama ida’amuutiin galmeessisanidha jedhaniiru.

Hojii raawwachiisaan olaanaa dhaabbata Pireesii Itiyoophiyaa Masaafinti Tafarraa gamasaaniin, hidhi haaromsaa misooma Industiriif, turizimii anniisaa dhiheessuu fi ijaarsa seenessa waloof qooda guddaa qaba jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015