Tamsaasa Kallatti:

Mi’eessituun lafa heektaara kuma 706 fi 306 ol irratti misoome walitti qabamaa jira

 

Mudde 16/2018(ENA)–Bara kanatti Mi’eessituun lafa heektaara kuma 706 fi 306 ol irratti misoome walitti qabamaa jiraachuu Abbaan Taayitaa Bunaa fi Shayee Itiyoophiyaa beeksise.

Abbaa Taayitaa Bunaa fi Shayee Itiyoophiyaatti hojii gaggeessaa misooma bunaa, shayee fi mi’eessutuu obbo Fiqaaduu Dafarras ENA waliin turtii taasisaniin akka jedhanitti, barana gosoota mi’eessituu ijoo 12 naannoolee biyyattii adda addaa keessatti misoomfamaa jiru.

Gosoota mi’eessituu kana ammayyeessuun oomishtummaa isaanii fooyyessuuf hojjetamaa jiraachuus ibsaniiru.


 

Haaluma kanaan gosoota sanyii fooyya’oo fayyadamtootaaf gadhiisuu, mala qonnaa aadaa fi akkaataa oomishni walitti qabamu ammayyeessuun hojiiwwan hedduun hojjetamaa akka jiran akka fakkeenyaatti kaasaniiru.

Karaa biraatiin sanyii baay’isuu fi dhiyeessii isaa waliin hanqinni akka jiru eeruun, kanneen furuufis qindoominaan hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.

Mi’eessituuwwan baay’inaan misoomsamaa jiranii fi sassaabamaa jiran kanneen ijoo ta’an, abasuuda gurraacha, abasuuda adii,sunqoo,dinbilaala, jinjibila, irdii,barbaree, vaanilaa,kororimaa,roozmarii fi kanneen biros ni argamu.

Hanga ammaatti mi’eessituuwwan misoomsamaa jiran gidduugaleessaan heektaara tokkorraa kuntaala 18 tuqaa 5 akka argamu ibsaniiru.


 

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015