Itiyoophiyaan sirna fayyaa cimaa fi hirmaachisaa ta’e ijaaruuf hojiin hojjechaa jirtu kan dinqisiifatamu dha - Dhaabbata Fayyaa Addunyaa - ENA Afaan Oromoo
Itiyoophiyaan sirna fayyaa cimaa fi hirmaachisaa ta’e ijaaruuf hojiin hojjechaa jirtu kan dinqisiifatamu dha - Dhaabbata Fayyaa Addunyaa
Mudde 16/2018(ENA) – Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa Itiyoophiyaan sirna fayyaa cimaa fi hunda hirmaachisaa ta’e ijaaruuf hojiin hojjechaa jirtu kan dinqisiifatamu ta’uu ibse.
Dhaabbatichi michummaa Itiyoophiyaa waliin qabu cimsuuf kutannoo qabaachuu ibseera.
Itiyoophiyaatti dursaan garee qophii fi deebii balaa tasaa Dhaabbata Fayyaa Addunyaa Paatriik Okmuu Abook, ENA waliin turtii taasisaniin akka jedhanitti, hojii Itiyoophiyaan sirna fayyaa cimaa ijaaruu fi hawaasa balaaf saaxilamoo ta’an eeguuf hojjechaa jirtu kan ajaa’ibsiifatamu dha.
Dursaan garee kun Itiyoophiyaan nageenya baqattootaa eeguuf kutannoon cimtee hojjechaa akka jirtu eeruun, hojii sagantaa talaallii fi inisheetivii fayyaa hawaasaatiin hojjetamaa jiran gaarii ta’uu ibsaniiru.
Galmoota Misooma itti fufiinsa qabu galmaan ga’uuf Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa Itiyoophiyaa waliin walitti dhiyeenyaan hojjechaa jira jedhan.
Ministeera Fayyaa fi qooda fudhattoota biroo waliin ta’uun, sirna fayyaa cimaa fi hunda hammate lammiilee hundaaf fayyadamummaa walqixaa kan uumu ijaaruuf waliin hojjechaa akka jiru himaniiru.
Daa’imni tokkoyyuu osoo hin talaalamiin hafuu hin qabdu yaada jedhuun, Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa duula talaalliiwwanii irratti Ministeera Fayyaa Waliin walitti dhiyeenyaan hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.
Dhaabbatichi kunuunsa fayyaa,meeshaalee yaala fayyaa fi galteewwan fayyaaf barbaachisan dhiyeessuun, deebii yeroo balaa namtolchee fi uumaamaa mudatu kennuu fi akkasumas deeggarsa teekinikaa gumaachaafii akka jirus himaniiru.
Mootummaan Itiyoophiyaa sadarkaa bu’uuraalee misooma Fayyaa fooyyessuu fi naannoolee baadiyaatti tajaajila fayyaa itti fufinsa qabu kennaa jiraachuun isaa hojii dinqisiifatamuu qabudha jedhan.
Itiyoophiyaa fi Dhabbanni Fayyaa Addunyaa waliin hojjechuu kan jalqaban akka lakkoofsa Faranjootaatti bara 1951 irraa jalqabee ta’uu odeeffannoowwan ni ibsu.