Maashinoonni biyya keesatti hojjetamanii albuudaa qindeessan yeroo dhihootti gara hojiitti galu – Inistitiyuuticha - ENA Afaan Oromoo
Maashinoonni biyya keesatti hojjetamanii albuudaa qindeessan yeroo dhihootti gara hojiitti galu – Inistitiyuuticha
Mudde15/2018(ENA)–Soonawwan faaya Albuudaa dabaluun kan oomishan sharafa alaa kan argamsiisaniifi guddisuu kan dandeessisan maashinoonni biyya keessatti kan oomishaman kan albuudota muran, laaffisan, boca baasan yeroo dhihootti gara hojiitti akka galan Inistitiyuutiin Misooma Albuudaa beeksiseera.
Rood Maappiin misooma faaya albuudaa fi ijaarsi teekinooloojii dijiitaalaa xumuramaa jiraachuun ibsameera.
Itti waamaamaa Ministeera Albuudaa kan ta’e Inistitiyuutiin Misooma Indaastirii dameen faaya Albuudaa Qorannoo fi qo’annoon, teekinoloojii, ijaarsa dandeettiin deeggaruun itti gaafatamummaan kan kennameefii yoo ta’u, kanaanis sharafa alaa damichaan argamu guddisuu akkasumas kallattii fi al-kallattiin lammiileef carraa hojii bal’aa uumuuf kan kaayyeffatedha.
Inistitiyuutichatti hojii raawwachiisaan Qorannoo Arteezinaalii fi faaya misooma Albuudaa doktar Geeraa Tacaanaa akka ibsanitti, biyyattiin Albuudawwan faayaa adda addaa qabaattus hanga ammaatti hanga barbaadamu galii irraa argachuu hin dandeenye.
Kanaafis Albuudarratti sonni osoo itti hin dabaliin gabaa alaaf dhihaachuusaanii, hanqina humna namaa qaroomee fi itti fayyadamni teekinooloojii gad aanaa ta’uu akka sababaatti kaasaniiru.
Dabalataanis rakkoolee faayinaansii fi bu’uuraalee misoomaa waldaalee oomishtoota albuudaa, Saayinsii qulqullinaa fi gatii sibiilota gatii qabeeyyii murteessuu danda’u kan ta’e ‘Gemology’ irratti hubannoo dhabuun, rakkoon biroo immoo kontiroobaandiin babal’achuu ta’uu ibsaniiru.
Rakkoolee kana furuuf hojiiwwan hedduun hojjetamaa jiraachuu ibsuun, inititiyuutichi Yuunvarsiitii Walloo waliin qindoominan hojjechaa jiru akka fakkeenyaatti kaaseera.
Kana hordofuun yuunvarsiiticha waliin ta’uun maashinoota Albuudaa muran, laaffisa, boca kan baasuuf kan tajaajilu biyya keessatti akka qophaa’an taassifamuu fi yeroo dhihootti gara hojiitti akka galan dubbataniiru.
Ijaarsi Teekinoolojii Dijiitaalaa damichaa sirnaan gaggeesuu danda’u hojjetamaa kan jiru yoo ta’u, yeroo dhihootti xumuramee gara hojiitti akka galamu ibsaniiru.