Mootummaan lammiilee dahannoo yeroo keessa jiraniif xiyyeeffannoo hunda duraa gochuun, deeggarsa namoomaa fi nyaataa taasisaa jira - Komishinii Hoggansa Sodaa Balaa Itiyoophiyaa - ENA Afaan Oromoo
Mootummaan lammiilee dahannoo yeroo keessa jiraniif xiyyeeffannoo hunda duraa gochuun, deeggarsa namoomaa fi nyaataa taasisaa jira - Komishinii Hoggansa Sodaa Balaa Itiyoophiyaa
Mudde 15/2018(ENA)- Mootummaan lammiilee dahannoo yeroo keessa jiraniif xiyyeeffannoo hunda duraa gochuun, deeggarsa namoomaa fi nyaataa taasisaa jiraachuu ibse Komishiniin Hoggansa Sodaa Balaa Itiyoophiyaa.
Naannoo Tigiraayitti godina Kaaba Lixaa,aanaa Asgadaa Hitsaatstti laammilee qe’ee isaani irraa buqqa’anii dahannoo yeroo keessa jiraniif deeggarsi wal irraa hin cinne taasifamaafii jiraachuu komoshinichi ibseera.
Buqqaatota kanneeniif deeggarsi hin taasifamne gabaasni jedhu dogoggora ta’uu himeera.
Komishiniin Hoggansa Sodaa Balaa Itiyoophiyaa Naannoo Tigiraayitti godina Kaaba Lixaa, aanaa Asgadaa Hitsaatsitti laammilee qe’ee isaanii irraa buqqa’anii dahannoo yeroo keessa jiraniif deeggarsa namoomaa ilaalchisuun ibsa kenneera.
Komishinichi xiyyeeffannoo dursaa kennuun deeggarsa namootaa kenna jiraachuu ibseera.
Haata’u malee miidiyaalee hawaasaa garagaraan gabaasni deeggarsa namoomaa lammiilee dahannoo yeroo Hitsaatsii keessa jiraniif kennamaafii hin jiru kan jedhu dogoggora ta’uu ibseera.
Gabaasni sun haala qabatamaa naannicha keessa jiru kan hin ibsine ta’uu himeera. Deeggarsi namoomaa waggaa guutuu osoo adda hin citiin taasifamaafii jiraachuu ibseera.
Lammiilee kanneeniif deeggarsi namoomaa osoo adda hin citiin taasifamaafii jiraachuu eeruun, bara kanas Fulbaana 2018 hanga baatii Muddee 2018 ttis deeggarsi namoomaa guutuun, osoo adda hin citiin taasifamaafii jiraachuu ibseera Komishinichi.
Dahannoo yeroo aanaa Isgadaa keessa ji'oota afran darban keessatti lammiilee kuma 14 fi 413f deeggarsa taasisuu yaadachiiseera.
Dabalataanis lammiilee dahannoo ollaa jiran dabalatee baatii Fulbaanaatti lammiilee kuma 16fi 775, baatii Onkoloolessaa keessa kuma 18fi 290, baatii Sadaasaa kuma 17 fi 813 akkasumas baatii Muddee kuma 14 fi 413f deeggarsa namoomaa soorata isaan barbaachisu rabsuu ibseera.
Haaluma kanaan, walumaa galatti midhaan soorataa kuntaalli kuma 11fi 406 (qamadii, bishingaa, midhaan dheedhii fi zayitiin nyaataa) baatiiwwan afran darban keessa kan isaan qaqqabe ta’uu komishinichi ibseera.
Deeggarsichis gaafa maallaqaan timaamamu birrii miliyoona 257 ol ta’uu akka danda’u ibsa isaan ibseera.
Gama biraatiin gaaffiin deeggarsaa karaa bulchiinsa yeroo naannichaan yoo dhiyaate, Mootummaan Federaalaa deeggarsa namoomaa kennuuf qophii ta’uu ibseera.
Komishinichi ibsa isaa keessatti deeggarsi hawaasa buqqa’eef taasifamu kaayyoo yaadameef qofa akka oolu gochuuf qaawwi jiraatus, qaawwi kuni akka guutamu gochuun itti gaafatamummaa bulchiinsa yeroo naannichaa ta’uu ibseera.