Nagallee Arsiin Injifateera - ENA Afaan Oromoo
Nagallee Arsiin Injifateera
Mudde15/2018(ENA)– Tapha Piriimar Liigii Itiyoophiyaa torban 11ffaa tapha marsaa jalqabaa Nagallee Arsiin Walwaloo Addagiraat Yuunvarsiitii 1 fi 0 injifateera.
Tapha Istaadiyeemii Finfinneetti gaggeeffameen Ashabbir Wuroo daqiiqaa 6ffaatti rukkuttaa adabbiin galchii injifannoo lakkoofsiseera.
Liigichatti injifannoo 4ffaa kan lakkoofsise Nagallee Arsiin qabxii 16n sadarkaasaa gara 7ffaatti ol guddiseera.
Faallaasaan bara dorgommichaatti yeoo 7ffaa kan mo’ame WalwalooAddagiraatYuunvarsiitiin qabxii 8n sadarkaa 18ffaa qabatee sadarkaa gad-bu’aa keessatti argama.