Tamsaasa Kallatti:

Tarsiimoon Dijitaalaa Itiyoophiyaa 2030 guddinaa fi ce’umsa damee ijaarsaaf carraa guddaa uuma

 

Mudde 15/2018(ENA)- Tarsiimoon Dijitaalaa Itiyoophiyaa 2030 guddinaa fi ce’umsa damee industirii ijaarsaa teekinooloojiin ammayyeessuun gara boqonnaa haaraatti ceesisuuf humna guddaa akka uumu Inistitiyuutii Manajimantii Konistiraakshiniitti daarektarri olaanaa injiinar Taammiraat Muluu ibsan.

Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad hojiirra oolmaa Dijitaalaa Itiyoophiyaa 2030 wayita ifatti eegalsiisan, dhaqqabummaa babal’isuun, carraa walqixxummaa lammiilee uumuun, lammiilee fi dhaabbilee gidduutti wal amantaa uumuun galmoota ijoo tarsiimoo kanaa ta’uu ibsaniiru.

Daarektarri Olaanaa Inistitiyuutii Manajimantii Konistiraakshinii Itiyoophiyaa injiinar Taammiraat Muluu ENA waliin turtii taasisaniin akka jedhanitti, ammayyaa’aa fi bara waliin dorgomaa ta’ee itti fufuuf dijitaalaayizeeshiniin murteessaa ta’uu eeraniiru. Dijitaalli Itiyoophiyaa 2030 damee ijaarsaaf carraa gaarii fidee dhufuu eeruun,damichaaf ce’umsa olaanaaf akka gargaaru ibsaniiru.


 

Inistitiyuutichi teekinooloojii Biimiin kan eegale, hojiirra oolmaa dijitaalaa hojii to’annoo, mirkaneessa qulqullinaa fi adeemsa hojii biroo keessatti hojiirra oolmaan tarsiimoo teeknooloojii murteessaa waan ta’eef ciminaan itti fufuu akka qabu eeraniiru.

Tarsiimoo Dijitaalaa Itiyoophiyaan eegalte irraa inistitiyuutichi fayyadamoo ta’uu eeruun daarektarichi, tarsiimoon dijitaalaa 2030 damee ijaarsaa addunyaatti dorgomaa taasisuuf gahee olaanaa qaba jedhaniiru.

Yunvarsiitii Saayinsii fi Teeknooloojii Finfinneetti barsiisaa fi qorataa kan ta’an doktar Yohaannis Raggaasaa akka ibsanitti, dameen ijaarsaa mala aadaa irraa gara dijitaalaatti milkaa’inaan cesisuuf tarsiimoon dijitaalaa bara 2030 murteessaa ta’uu ibsaniiru.


 

Itiyoophiyaa keessatti fedhii fi dhiyeessiin mana jireenyaa kan wal hin ginne, haala itti fufiinsa qabuun furuuf teeknooloojiin ijaarsaa ‘3D’ murteessaa ta’uu ibsuun, qabeenya naannootti argamu fayyadamuun manneen salphaatti ijaaruuf akka gargaaru ibsaniiru.

Galmoonni tarsiimoo dijitaala Itiyoophiyaa 2030 qabattes, damee indaastirii ijaarsaa waliin waan wal simuuf, damicha ammayyeessuuf gahee olaanaa qaba jedhaiiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015