Tamsaasa Kallatti:

Sirni Faayinaansii Dijiitaalaa hoj-maata badaa ittisuun tajaajila si’ataa kennuuf shoorrisaa olaanaadha- Biiricha

Mudde15/2018(ENA)– Sirni Faayinaansii Dijiitaalawaan qabeenyi uummataa fi mootummaa murtaa’aa ta’e kaayyoo qabameefiif oolchuu fi hojmaata badaa ittisuurra darbee tajaajila si’ataa kennuuf shoorrisaa olaanaa ta’uu Biirooon Faayinaansii Magaala Finfinnee ibse.

Hojmaatni dijiitaalaa yeroon kan barbaaduu fi sirni qabannaa ragaa ammayyaa’aan akka jiraatu dandeessisuurra darbee faayidaa hedduu qaba.

Keessumaa damee faayinaansiin hojmaata badaa ittisuu fi qabeenya Mootummaa hojii karoorfameefirra oolchuuf murteessaa ta’uu ogeeyyiin damichaa fi hoggantoonni hojii ibsan.

Sadarkaa Itti Aanaa Kantiibaatti Itti gaafatamaan biiroo faayinaansii magaalaa Finfinnee Abdulqaadir Reediwaan ENA‘f akka ibsanitti, galma ”Ismaarti siitii”Magaalaa Finfinnee dhugoomsuuf tajaajilli Dijiitaa dhaabbileen kennan Murteessaa ta’uu ibsaniiru.


 

Yeroo ammaa dhaabbileen Bulchiinsa Magaalichaa keesatti argaman hundi hojmaata saanii Dijiitaala taasisuurratti akka argaman eeruun, kunis tajaajila si’ataa kennuurra darbee, tajaajilamtoonni bakka jiran ta’anii tajaajila akka argatanii fi hojmaata badaa ittisuuf kan dandeessisudha jedhaniiru.

Biirichi hanga ammaatti gabaasota herregaa, Baajata, Miindaa hojjettootaa fi bittaa elektirooniksii dijiitaala taasisuu kan ibsan hogganaan kun, gara fuulduraattis tajaajiloota biroo Dijiitaalaan eegalchiisuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu mirkaneessaniiru.


 

Komishinii naamusaa fi farra malaammaltummaa magaalaa Finfiinneetti Daarekatarri Karooraa fi faayinaansii Tabaarak Yooseef gamasaaniin, dhaabbata keessatti hojmaanni dijiitaalaa hojiirra ooluun baajanni mootummaa murtaa’aan eeyyamame karoora qabameefiif qofa akka oolu gochuurratti faayidaa guddaa qaba.

Haaluma wal fakkaatuun komishinii hooggansa hojii ibiddaa fi balaa magaalaa Finfinneetti daarektarri karoora faayinaansii fi bajataa sodaa balaa fi ibidaa Magaalaa Finfinnee Damee Aqaaqii Qaallittii Aaddee Shittaayee Gabree, Hojmaatni Faayinaansii dijiitaalaa hojii saffisiisuuf, dogoggora hojii sirreessuu fi yeroo qusachuuf faayidaa guddaa qaba jedhaniiru.


 

Mistirri Muummee Doktar Abiyyi Ahimad Mudde 11 bara 2018 Dijiitaala Itiyoophiyaa 2030 yeroo ifoomsanitti bu’uuraalee misomaa tajaajila hawaasaan hojiin bu’aa qabeessi hojjetamuu ibsuun isaanii ni yaadatama.

Itiyoophiyaan sadarkaa murteessaa jedhamuun gurgurtaa maallaqa callaarraa gara sirna faayinaansii Dijiitaalatti ce’uushee ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015