Dijiitaalli Itiyoophiyaa 2030 biyya gara boqonnaa teekinooloojii olaanaatti ceessisa - ENA Afaan Oromoo
Dijiitaalli Itiyoophiyaa 2030 biyya gara boqonnaa teekinooloojii olaanaatti ceessisa
Mudde15/2018(ENA)– Dijiitaalli Itiyoophiyaa 2030 biyya gara boqonnaa teekinooloojii olaanaatti ceessisuun cehumsa diinagdee fiduuf qooda olaanaa akka taphatu hoggantoonni hojii mootummaa Olaanaoon ibsan.
Ministirri Muummee Dr.Abiyyi Ahimad Dijiitaala Itiyoophiyaa 2030 ifatti eegalchiisuun isaanii ni yaadatama.
Dijiitaala Itiyoophiyaa 2030 waggoottan shanan darban hojiiwwan hojjetaman bu’uura godhachuun qophaa’uusaa wayita sana kaasaniiru.
Dijiitaalli Itiyoophiyaa 2030 galmoota ijoo sadii akka qabu kan dubbatan Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad, isaan kunis dhaqqabamummaa babal’isuu, Carraa walqixaa mijeessuu, dhaabbataa fi uummata gidduutti wal-amantaa uumuu ta’uu ibsaniiru.
Daarektarri Olaanaan Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo fi Neetwoorkii Tigisti Hamiid akka ibsanitti, tarsiimoo Dijiitaalaa Itiyoophiyaa 2025 Keessaatti nageenya Saayibarii irratti bu’uurri hojii cimaa hojjechiisuu dandeessisu hedduun kaa’ameera.
Kanaanis bu’uuraalee misoomaa Kilaawudii mataa keenyaa ijaarraachuu danda’uun tajaajila Dijiitaalaa Itiyoophiyaa amantaa qabu uumuun danda’amuu eeraniiru.
Dhaabbilee Nageenyaaf mana qorannoo Fooransiikii Dijiitaalaa ijaaruun gara hojiitti akka galu taassifamuu eeruun, Dijiitaalli Itiyoophiyaa 2030 tarsiimoo nageenyaa Saayibarii irratti xiyyeeffannoon hojjetamaa jira jedhaniiru.
Kanaanis bu’uuraalee misoomaa cimaa ijaaruu, Bu’uuraalee misoomaa hawaasaa ammayyeessuu, dhaabbata yeroo balaa deebii kennuu hundeessuu fi hojiilee nageeenyaa dhaabbilee dhunfaa dabalatee hojiin Saayibarii akka cimuuf kan hojjetamu ta’uu akka qabu dubbataniiru.
Dijiitaala Itiyoophiyaa 2030 guddisuuf hubannoo namtolchee babal’isuuf kan dandeessisan hojiiwwan hedduun hojjetamuu kan ibsani immoo Daarektara Olaanaa Inistitiyuutii Hubannoo Namtolchee Itiyoophiyaa doktar Warquu Gaachaanaa dha.
Kilaawudii mataa keenyaa fayyadamuun dabalatatti, sirna bulchiinsa odeeffannoo bu’aa qabeessa akka qabaannu akka taassifamu ibsaniiiru.
Kanaafis haala qindaa’een odeeffannoon murtee kennuuf akka ooluuf kan hojjetamu yoo ta’u, kanaan wal-qabatee Abbaan Taayitaa Odeeffannoo walabaa Biyyaalessaa gara hojiitti akka galu himaniiru.
Tajaajila Dijiitaalaa walsimsiisuu fi hojii itti fufinsa qabu hojjechuu irratti xiyyeeffannoo argachuu ibsniiru.
Hojii Raawwachiiftuu Olaanaa Itiyoo-Teeleekoom Fireehiwoot Taammiruu gama isaaniin akka jedhanitti, Dijiitaalli Itiyoophiyaa 2025 damee teeleekoomiin bu’aawwan hedduun galmaa’eera.
Fakkeenyaaf lakkoofsi maamilaa mobaayilii miiliyoona 97 geessisuu danda’amuu , kana keessaas miiliyoonni 57 fayyadamtoota Interneetaa ta’uusaanii dubbataniiru.
Neetiworkiin dhaloota 4ffaa(4G) magaalota kuma 1 fi 30 qaqqabuu eeruun ,Tarsiimoo dijiitaala Itiyoophiyaa 2030 lakkoofsa fayyadamtoota mobaayilii Miiliyoona 128 geessisuuf karoorfamuu dubbataniiru.
Akkasumas waliin gahinsa neetwoorkii 5G magaalota 100f ni qaqqabsiisna jedhaniiru.
Dijiitaala Itiyoophiyaa 2030 kaffaltii dijiitaalaa haala Oomisha biyya keessaan kan amma jirurra dachaa 7n olitti akka guddatuuf xiyyeeffannoo addaan hojjetama jedhaniiru.
Hojiiwwan dijiitaala Itiyoophiyaan hojjetaman kaayyoo Mootummaan Ida’amuu qabatee galmaan ga’uuf hojjetu hojmaata badaa hambisuuf galma isaa gahuuf, tarsiimoo gurguddoo dhugoomsuu waliin kan wal qabu ta’uu Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad ibsuun isaanii ni yaadatama.