Naannoo Oromiyaatti miidhaa dubartootaa fi daa’imman irratti qaqqabu ittisuuf hojiiwwan qindoominaan hojjetaman bu’aa agarsiisaa jiru - ENA Afaan Oromoo
Naannoo Oromiyaatti miidhaa dubartootaa fi daa’imman irratti qaqqabu ittisuuf hojiiwwan qindoominaan hojjetaman bu’aa agarsiisaa jiru
Muddee 14/2018 (ENA)-Naannoo Oromiyaatti miidhaa dubartootaa fi daa’imman irratti qaqqabu ittisuuf hojiiwwan qindoominaan hojjetaman bu’aa agarsiisaa jiraachuu Biiroon Dhimma Dubartootaa fi Daa’immanii Naannichaa beeksise.
Biirichi hirmaannaa fi fayyadamummaa dubartootaa guddisuu akkasumas miidhaa qaqqabu ittisuuf waltajjii marii Kaayyoo kana irratti xiyyeeffate Godina Baalee keessatti qaamolee adda addaa dhimmi ilaallatu waliin gaggeesseera.
Itti Aanaa Itti Gaafatamtuu Biiroo Dhimma Dubartootaa fi Daa’immanii Naannichaa Aaddee Samiiraa Faaris waltajjicharratti akka jedhanitti, Naannichatti miidhaa dubartootaa fi daa’imman irratti qaqqabu hir’isuuf qaamolee adda addaa dhimmi ilaallatu waliin qindoominaan hojjetamaa jira.
Akkasumas mirga dubartootaa fi daa’imman eegsisuuf hojiiwwan hojjetaman jijjiirama gaarii agarsiisaa jiraachuu ibsaniiru.
Rakkoo kana fulla’insaan hir’isuuf dubartoota humneessuu, hubannoo uumuu fi warra yakka raawwatan seeraan akka gaafataman gochuuf qindoominaan hojjetamaa jira jedhaniiru.
Keessumaa hoggantoonni amantaa, Abbootiin Gadaa, Haadholiin Siinqee fi hawaasni waliin ta’uun hojjechuun miidhaan dubartootaa irratti qaqqabu hir’achaa dhufuu isaa ibsaniiru.
Biirichi haleellaa dubartootaa fi daa’imman irratti qaqqabu ittisuun cinatti fayyadamummaa isaanii gama hundaan guddisuuf hojechaa jiraachuu ibseera.
Godina Baaleetti deeggarsi Birrii miiliyoona 2 ol baasuun maashinii daabboo fi baabura midhaan daaku dubartoota waldaan gurmaa’aniif biirichaan taasifame tattaaffii taasifame agarsiisa jechuun ibsaniiru.
Waltajjiin marii kunis gochaalee akka butii fi gaa’ila umurii malee dubartoota irratti raawwataman ittisuuf qindoomina qaamolee fhimmi ilaallatuu cimsuuf gahee guddaa akka qabaatu kan dubbatan Itti Gaafatamtuu Waajjira Dhimma Dubartootaa fi Daa’imman Godina Baalee Aaddee Robdaa Jaarsoo dha.
Godinichattis dhimma kana irratti hubannoo hawaasaa guddisuuf hojiilee eegalaman cimanii itti fufu jedhaniiru.
Hirmaattonni waltajjii kanaas gochaaleen miidhaa geessisan aadaa miidhaa geesisan kannee barsiisa Gadaarraa ala waan ta’aniif rakkoon kun akka furamu itti gaafatamasaanii akka bahan dubbataniiru.