Tamsaasa Kallatti:

Itiyoophiyaa fi Ameerikaan sektara fayyaarratti waliin hojjechuuf kan gargaaru  walii galtee deeggarsaa doolaara biiliyoona 1 tuqaa 6 mallatteessan

Mudde 14/2018(ENA)- Itiyoophiyaa fi Ameerikaan sektara fayyaan waliin hojjechuuf kan gargaaru walii galtee deeggarsaa doolaara biiliyoona 1 tuqaa 6 mallatteessaniiru.

Walii galteen kun misooma egeree, Invastimantii waloo fi sirna fayyaa cimsuurratti kan xiyyeeffate boqonnaa tumsa fayyaa haaraa Itiyoo-Ameerikaa ta’uun himameera.

Ministirri maallaqaa Ahimad Shidee, ministirri fayyaa Dr. Maqdas Dhaabaa fi Itiyoophiyaatti ambaasaaddarri Ameerikaa Erviin Maasiingaa walii galtee kana mallatteessaniiru.

Walii galteen tumsa fayyaa Itiyoophiyaa fi Ameerikaa kun waggoota shaniif akka turu ibsameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015