Tarsiimoon Dijitaala Itiyoophiyaa 2030 guddina diinagdee fi hawaasummaa Itiyoophiyaa saffisiisuu keessatti gahee olaanaa qaba - ENA Afaan Oromoo
Tarsiimoon Dijitaala Itiyoophiyaa 2030 guddina diinagdee fi hawaasummaa Itiyoophiyaa saffisiisuu keessatti gahee olaanaa qaba
Mudde 14/2018(ENA) - Tarsiimoon Dijitaala Itiyoophiyaa 2030 guddina diinagdee fi hawaasummaa Itiyoophiyaa saffisiisuu keessatti gahee olaanaa qabaachuu haggantoonni mootummaa olaanoon ibsan.
Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad Dijitaala Itiyoophiyaa 2030 ifatti jalqabsiisuun isaanii ni yaadatama.
Jalqabsiisa sagantichaa irratti hoggantoonni mootummaa olaanoon ibsa kennaniin, gahumsa lammiilee Dijitaala Itiyoophiyaa guddisuu, galii mootummaa dabaluu fi odeeffannoo qindaa’aa hojiirra oolchuuf xiyyeeffannoon kennamee hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.
Deetaan Ministiraa Innooveeshinii fi Teeknooloojii Muluuqan Qarree saganticha irratti akka dubbatanitti, bara 2030tti dijitaala Itiyoophiyaa hojiirra oolchuuf kallattiin kaahameera.
Kanaanis ummata biyyattii keessaa dhibbentaan 70 beekumsa Dijitaalaa akka qabaatu ibsuun, keessumaa dhibbentaan 80 hojjettoota mootummaa gahumsa dijitaalaa akka qabaatan ni taasifama jedhaniiru.
Kana milkeessuufis lammiilee miliyoona 10niif leenjiin kallattiin akka argatan xiyyeeffannoon akka hojjetamu ibsaniiru.
Guddina diinagdee saffisiisuuf ‘istaartaappiiwwan’ haaraa kuma shan gara hojiitti galchuu fi damichaan lammiilee miliyoona tokkoof carraa hojii uumuuf karoora qabaachuu isaaniis eeraniiru.
Kunis dameen dijitaalaa bara 2030tti oomisha waliigalaa biyya keessaa biyyattiif dhibbeentaa 12 akka gumaachu kan dandeessisu ta’uu ibsaniiru.
Deetaan Ministiraa Galiiwwanii Daawit Wubisheet gama isaaniin, bu’aan ce’umsa dijitaalaa galii walitti qabuu galii mootummaa irratti argame abdachiisaa ta’uu ibsaniiru.
Dijitaalli Itiyoophiyaa 2025 dandeettii gibira walitti qabuu haalaan akka guddise eeruun; yeroo ammaa kaffaltoonni gibiraa kuma 58 ta’an gibira isaanii dijiitaalaan beeksisaa akka jiran hubachiisaniiru.
Tarsiimoo 2030n dhaabbilee adda addaa waliin sirna dijitaalaa qindoome ijaaruun dandeettii gibiraa galii walitti qabuu daran cimsuuf akka hojjetamus mirkaneessaniiru.
Deetaan Ministiraa Daldalaa fi Walitti Hidhaminsa riijinii Yidinaaqaachoo Warquu haawaasaa saganticha irratti dabarsaniin, tarsiimoo Dijitaalaa Itiyoophiyaa 2030 jalatti hojiiwwan sirna daldalaa ammayyeessuu dandeessisan hedduun ni raawwatamu jedhaniiru.
Adeemsa daldala galtee fi al-ergii biyyattii dijiitaala gochuun faayidaan damichaa dinagdeef qabu daran akka cimus ibsaniiru.
Waggoota itti aananii dhufan keessatti daldalli adeemsifamu guutummaa guutuutti akka jijjiiramu, lammiileen daldala xixiqqaa irratti bobba’an daldala idil-addunyaa fi biyyaalessaa irratti dammaqinaan akka hirmaatan dubbataniiru.