Tamsaasa Kallatti:

Fayyadamummaa Dinagdee Dubartootaa guddisuuf qooda fudhattoota waliin hojjetamaa jira

Mudde 14/2018(ENA)–Fayyadamummaa Diinagdee dubartootaa guddisuuf qooda fudhattoota waliin hojjetamaa jiraachuu Ministeerri dhimma Dubartootaa fi Hawaasummaa ibse.

Waltajjiin Diinagdee Dubartootaa biyyaalessaa 4ffaan Ministeerichi (UN.Women) fi ‘Action Aid’ waliin ta’uun qophaa’e Magaalaa Adaamaatti gaggeefamaa jira.

Waltajjicharratti kan argaman Ministirri dhimma Dubartootaa fi Hawaasummaa Doktar Ergoogee Tasfaayee akka beeksisanitti, fayyadamummaa Diinagdee dubartootaa guddisuun dhiibbaa irra jiru xiqqeessuuf qaamolee qooda fudhattootaa walin hojjetamaa jira.


 

Dubaartoonni humni diinagdeesaanii fooyya’aa ta’e hirkattummaarraa adda bahanii fi ofiin murteessummaansaanii kan guddaate akka ta’uu kaasaniiru.

Galma misooma fulla’aa milkeessuuf fayydamummaa Diinagdee dubartootaa guddisuun akka malu eeruun, damee hundaan dubartoota jajjabeessuu fi mirgasaanii kabachiisuun dhimma xiyyeeffannoon kennamuuf ta’uu ibsaniiru.

Akkasumas Hojiiwwan inisheetiivii qonnaan olitti Industirii fi dameewwan biroon hirmaannaa fi fayyadamummaa dubartootaa cimsuuf hojjetamaa jiraachuu hubachiisaniiru.


 

Fooramichi Dubartoota Dinagdeen gahoomsuu waliin wal-qabatee kallattiiwwan gara fuula duraa kan itti kaa’aman ta’uusaan, fayyadamummaa Dinagdeesaanii guddisurratti qaamolee qooda fudhattootaa waliin cimsuuf carraa uumeera jedhaniiru.

Itti Aannaan Daarektara Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii (UN.Women) Itiyoophiyaa Mistar Shaadiraak Dusaabee gamasaaniin dubartoota gama hundaan gahoomsuu fi fayyadamoo taasisuu akka qaban dubbataniiru.

Dubartoota Dinagdeen gahoomsuuf hirmaannaa fi qindoominni qama hundaa murteessaa ta’uu ibsuun, foramichi sagalee dubartootaa ta’uun qaamolee qooda fudattoota wal quunnamsiisuun qooda olaanaa bahuu akka qabu hubachiisaniiru.


 

Keessumaa tattaaffiin qindoominaa hoggantoonni mootummaa, dhaabbata hawaasa siivikii , deeggartoota dhaabbata misooma Idil- Addunyaa murteessaa ta’uu kaasaniiru.

Ministeerichi qabeenya walitti qabuun dubartoota fayyadamoo taassisuuf sochii  taasisaa jiru dhaabbatichi akka deeggaru eeraniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015