Dijiitaalli Itiyoophiyaa 2025n Damee Dijiitaalaan milkaa’inoonni hedduun kan itti galmaa’anidha - ENA Afaan Oromoo
Dijiitaalli Itiyoophiyaa 2025n Damee Dijiitaalaan milkaa’inoonni hedduun kan itti galmaa’anidha
Mudde14/2018(ENA)– Dijiitaalli Itiyoophiyaa 2025n Damee Teekinooloojii Dijiitaalaan milkaa’inoonni hedduun kan itti galmaa’ani ta’uu ogeeyyiin damichaa Naannoo Harariitti dhaabbilee adda addaatti hojjetan ibsan.
Dijiitaalli Itiyoophiyaa 2025 milkaa’inaan Xumuramee Jalqabsiisni Dijiitaalaa Itiyoophiyaa 2030 Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad bakka argamanitti ifatti eegalchiifamuun ni yaadatama.
Dijiitaala Itiyophiyaa 2025n dijiitaalayizeeshinii babal’isuu fi tajaajila tutuqqa waraqaarra bilisa ta’e kennuurratti biyyattiitti hojiiwwan hedduun kan hojjetaman karoora milkaa’e dha.
Keessumaa Tajaajila Wiirtuu tokkoo Masoob,Waraqaa eenyummeessaa Faayidaa, Maallaqa Dijiitaalaan daddabarsuu, Leenjii Itiyoo-Koodarsii,hubannoo-namtolcheen, nageenya saayibarii fi dameelee biroon hojiin milkaa’inaa galmaa’uusaa ibsaniiru.
Naannoo Hararaiitti Ogeeyyiin damichaa dhaabbilee adda addaan hojjechaa jiran Dijiitaalli Itiyioophiyaa 2025 damee teekinooloojiin Milkaa’inoonni hedduun galmaa’uu ENA’f ibsaniiru.
Naannoo Haraariitti Masoob - Tajaajilli Wiirtuu tokkoo ogeessi Infoormeeshin koomunikeeshinii Saamii Ahimad akka ibsanitti Dijiitaala Itiyoophiyaa 2025 jijjiirama kan fidanii fi hojiiwwan jijjiiramaa dhiibbaa geessisan raawwatamaniiru jedhaniiru.
Keessumaa bu’aa Dijiitaalayizeeshinii kan ta’e Masoob Tajaajila wiirtuu tokkoo akka ammayaa’u ta’uu ibsuun, hojiiwwan hubannoo namtolcheen hojjetan magaalota miidhagsuu danda’uu ibsaniiru.
Teekinooloojii Dijiitaalaa Misoomsuun, Ammayyeessuu fi dhaqqabamaa taassisuurratti hojiiwwan mootummaan hojjete biyyittii teekinolojii fudhachuurraa gara kalaquutti kan ceesise ta’uu ibsaniiru.
Teekinooloojii Dijiitaalaa 2030 hojiiwwan teekinoloojii biroon fakkeenya ta’an akka hojjetaman kan eegamu ta’uu ibsaniiru.
Akka biyyatti Itiyoophiyaan Dijiitaala 2025 yeroon milkaa’inaa hedduu hojjettee dabarsiteeti jechuun Ejensii koomunukeeshinii fi teekinooloojii Miidiyaa Hararii Hamdii Ramzii ibsaniiru.
Teeleebirri fi daddabarsa maallaqaa Dijiitaalaa biroon tajaajiloonni kennamuu akka fakkeenyaatti kaasaniiru.
Damee Barnootaan leenjii Itiyoo Koodarsii miiliyoona 5 kan kaasan ogeessi kun lammiileen beekumsa teekinoloojii barbaadan akka argatanii fi damee qonnaan odeeffannoo dhaqqabamaa taassisuun hojiin qonna ammayyeessuu akka milkaa’uu danda’uu ibsaniiru.
Masoob tajaajila wiirtuu tokkoo akka fakkeenyaatti kan kaasan ogeessi kun kunis Mallaammaltummaa fi burjaajjii kan hir’isee fi fuldurattis Dijiitaalli Itiyoophiyaa 2030 kanaa ol akka irraa eegamu eeraniiru.
Naannoo Haraariiti Ogeessii Infoormeeshin Koomunukeeshinii Masoob Tajaajila Wiirtuu tokkoo Dasee Ahimad, Dijiitaala Itiyoophiyaa 2025n milkaa’inoota galmaa’an keessaa waraqaan eenyummeessaan faayidaa tokko ta’uu dubbataniiru.
Dijiitaala Itiyoophiyaa 2025n neetti woorkiin 4Jii fi 5jii diriirfamuu akka fakkeenyaatti kan kaasan ogeessi kun , lammiileen carricha fayyadamuun beekumsa teekinooloojiin biyyaa fi mataasaanii fayyaduu eegaluusaanii ibsaniiru.
Milkaa’ina teekinooloojii Dijiitaalaa Itiyoophiyaa 2025 tattaaffii fi saffisa mootummaan akka ta’e eeruun Dijiitaalli Itiyoophiyaa 2030 milkaa’aa akka ta’u muuxannoowwan baroota darbanirraa mirkaneeffachuun akka danda’amu dubbataniiru.