Tamsaasa Kallatti:

Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad Pirezidaantii Keeniyaa Wiiliyaam Ruuttoo waliin mari’atan

 

Mudde 14/2018(ENA) - Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad Pirezidaantii Keeniyaa Wiiliyaam Ruuttoo waliin har’a magaalaa Finfinneetti mari’ataniiru.

Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad miidiyaa hawaasummaa isaaniin akka ibsanitti, pirezidaantii Keeniyaa Wiiliyaam Ruuttoo guyyaa tokkoof gara Itiyoophiyaa daawwannaa hojiif dhufan simachuu ibsaniiru.


 

Daawwannichis hariiroo seena qabeessa biyyoota lameenii fi obbolummaa kan ibsu ta’uu eeraniiru.

Marii gamlameetiinis, hariiroo biyyoota lamaanii kan cimsu, akkasumas dhimmoota Gaanfa Afrikaatti nageenyaa fi tasgabbii buusuu irratti kan xiyyeeffate ta’uu ibsaniiru.

Kun nagaa fi tasgabbii, akkasumas furmaata Afrikaan durfamuuf kutannoo waloo qabnu kan agarsiisu ture jedhan Ministirri Muummee ergaa isaaniin.


 

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015