Tamsaasa Kallatti:

Sirni Awwalchaa Hojii Raawwachiisaa itti aanaa EBC Obbo Abdurrahamaan Ruubee raawwatame.

 

Mudde 14/2018(ENA) – Sirni Awwalchaa itti aanaa Hojii Raawwachiisaa olaanaa EBC Obbo Abdurrahamaan Ruubee raawwatameera.

Obbo Abdurrahamaan dhibee isaan mudateen yaalamaa turuun guyyaa har'aa umurii waggaa 40tti du'aan addunyaa kanarraa boqotaniiru.

Obbo Abdurrahmaan sadarkaa riipoortaraa hanga itti aanaa hojii raawwachiisaatti dhaabbiilee Miidiyaa garaagaraa keessatti tajaajilaniiru.

Obbo Abdurrahmaan Abbaa ijoollee sadii turan.

Guyyaa har’aa Sirni awwalcha isaanii bakka awwalcha Muslimootaa Kolfeetti raawwatameera.

ENAn du’aan boqochuu itti aanaa hojii raawwachiisaa olaanaa EBC obbo Abdurrahamaan Ruubeetti gadda itti dhagahame ibsaa, maatii, waahillan hojii fi firoota isaaniif jajjabina hawweera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015