Garaagarummaan Itiyoophiyaa keessatti mul’atu duudhaalee mandhaleetiin furmaata argachuu qaba kan jedhu ilaalchi mootummaa ida’amuu bu’aa galmeessisaa jira - ENA Afaan Oromoo
Garaagarummaan Itiyoophiyaa keessatti mul’atu duudhaalee mandhaleetiin furmaata argachuu qaba kan jedhu ilaalchi mootummaa ida’amuu bu’aa galmeessisaa jira
Mudde 14/2018(ENA)- Garaagarummaan yaadaa Itiyoophiyaa keessatti mul’atu duudhaalee mandhaleetiin furmaata argachuu qaba kan jedhu ilaalchi Mootummaa Ida’amuu bu’aa galmeessisaa jiraachuu Waajjira Ministira Muummeetti Ministirri Qindeessaa Giddugala Ijaarsa sirna Dimokiraasii doktar Biqilaa Hurrisaa ibsan.
Waajjira Ministira Muummeetti Ministirri Qindeessaa Giddugala Ijaarsa sirna Dimokiraasii doktar Biqilaa Hurrisaa ENA waliin turtii taasisaniin akka himanitti, Mootummaan Ida’amuu nageenya mirkaneessuuf karaa nagaa qofa ta’uu akka qabu ejjannoo qaba.
Itiyoophiyaanonni daandii nagaa itti buusan, wal dhabdee ittiin furan duudhaalee kan mataa isaanii qabaachuu eeruun, duudhaaleen mandhalee siyaasaa fi hawaasummaa guddachuu akka qaban himaniiru.
Hawaasni rakkoolee karaa ittiin furanii fi nageenya buusan, tokkummaa kan ittiin cimsani, biyya kamirraayyuu kan hin fudhaatamne muuxannoo waggoota dheeraa lakkoofsise qabu jedhan.
Kanaafuu Mootummaan Ida’amuu ilaalcha beekumsa mandhalee fi duudhaalee hawaasaa itti dhimma bahuun ijaarsa nageenyaa keessatti itti fayyadamuu qaba kan jedhu ijjannoo qaba jedhani.
Mootummaan Ida’amuu nagaatti waan amanuuf qaamolee nageenya barbaadan waliin nagaan hojjechuuf fedhii qabaachuu ibsaniiru.
Qaamoleen nageenya lammiilee Itiyoophiyaa hin barbaanne akka jiran ibsuun, nageenya waaraa ijaaruuf karaa nagaa filachuun akka barbaachisu dhaamaniiru doktar Biqilaa Hurrisaan.
Mootummaan Ida’amuu nageenyi waaraa kan argamu karaa nagaa qofaan akka ta’e cimsee akka amanu eeruun, duudhaalee mandhalee hawaasaa gara imaammataa fi tarsiimootti jijjiiruun nageenya waaraa mirkaneessuun ijjannoo isaa akka ta’e ibsaniiru.
Kanaanis karaa nagaan yaada ammayyaa’aa fi fudhatama qabu hojiirra oolchuun nageenya waaraa mirkaneessuun kan danda’amu ta’uu bu’aan qabatamaan argamaa jira jedhani.