Tamsaasa Kallatti:

Manni maree bakka bu’oota ummataa wixinee labsii eegumsa biqiltuuwwanii fi kuwaaraantaayinii fooyya’e raggaase

Mudde 14/2018(ENA)- Manni maree bakka bu’oota ummataa walga’ii idilee gaggeesseen wixinee labsii eegumsa biqiltuuwwanii fi kuwaaraantaayinii fooyya’e raggaaseera.

Manni maree bakka bu’oota ummataa walga’ii idilee 5ffaa bara hojii 5ffaan gaggeesseera.

Itti aantuun af-yaa’ii mana maree bakka bu’oota ummataa Loomii Badhoo wixineen labsii eegumsa biqiltuuwwanii fi Kuwaaraantaayinii oomishtummaa qonnaa guddisuudhaan wabii nyaataa mirkaneessuuf shoora guddaa qaba jedhaniiru.

Wixineen labsii kun ilbiisa biqiltuu midhaanirratti uumamu sirna hojmaataa dursanii ittisuu diriirsuudhaan qisaasa midhanii hir’isuun oomishtummaa midhaanii dabaluudhaan oomishtummaa qonnaa fooyyessuuf akka gargaaru ibsaniiru.

Dura taa’aan koree dhaabbataa dhimmoota qonnaa Salamoon Laallee gamasaaniin, Itiyoophiyaan bqiltuu fi lubbu qabeeyyii hedduu qabaattus hammattoo seeraa qabeenya uumamaa qabdu sirnaan itti fayyadamuuf gargaaru hin qabdu ture.

Kunis hmmattichi boodatti hafaa fi to’annoof mijataa waan hin taaneef labsii kana fooyyessuun barbaachisuunsaa ibsameera.

Wixineen labsii kun dhiibbaa sababa ilbiisaa fi aramaa biqiltuurratti mudatuun oomishtummaa qonnaarratti qaqqabu sirna to’annoo cimaatiin ittisuuf akka gargaaru himaniiru.

Wixineen labsii eegumsa biqiltuu fi kuwaaraantaayinii  kun waliigalteewwan eegumsa biqiltuu idil addunyaa ka’umsa godhachuun qophaa’uusaa ibsaniiru.

Wixineen labsii kun Itiyoophiyaan qabeenya biqiltuu qabduuf kunuunsa barbaachisu gochuun fayyadama dinagdee guddisuuf dandeettii uumuuf akka gargaaru dubbataniiru.

Miseensonni mana maree wixinee labsii kanarratti yaada kennuun sagalee guutuun raggaaseera.

#ENA Afaan Oromoo#ENA#TOI

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015