Tamsaasa Kallatti:

Appilikeeshiniin Mobaayilaa Kitaabota Ida’amuu ifoome

 

Mudde 14/2018 (ENA)- Appilikeeshiniin Mobaayilaa Kitaabota Ida’amuu ifoomeera.

Sagantaan jalqabsiisa Appilikeeshinii Moobaayilaa Kitaabota "Ida’amuu" har’a eegaleera.


 

Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad kan barreessan kitaabota “Ida’amuu”, "Daandii Ida’amuu", "Dhaloota Ida’amuu" fi “Mootummaa Ida’amuu” imala dinagdee ummataa giddu galeessa godhateen Itiyoophiyaa yeroo gabaabaa keessatti gara iddoo fooyya'aa ta'etti jijjiiruuf gargaaran ta'uu Waajjirri Ministira Muummee beeksiseera.

Yaadonni Kitaabota kanneen keessatti ibsaman yaadama qofaan osoo hin taanee qabatamaan kan mul’atanii fi dhalootaaf abdii kan horan waan ta’aniif kitaabaan kan jiru ture amma sagaleedhaan karaa appilikeeshinii moobaayilaa dhiyaachuu ibsaniiru.


 

Waltajjii appichi itti ifoome irrattis waggoota jijjiiramaa darban keessatti yaad-rimee ida’amuun hojiiwwan hojjetaman bu’aa qabatamaa irratti galaalchitoonni dhaabbataa Waajjira Ministira Muummee xiinxaluun ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015