Sirni Awwaalcha Abdurahimaan Ruubee har’a raawwatama - ENA Afaan Oromoo
Sirni Awwaalcha Abdurahimaan Ruubee har’a raawwatama
Mudde 14/2018(ENA)– Sirni Awwaalchaa Itti Aannaan hojii gaggeessaa olanaa EBC kan turan Obbo Abdurahimaan Ruubee hara’a guyyaa sa’aatii 7:00 kolfee bakka Awwaalcha musiliimotaatti gaggeeffama.
Obbo Abdurahimaan Ruubee dhukkubsatanii wal’aanama turuun har’a du’aan addunyaa kanarraa boqotaniiru.
Obbo Abdurahimaan Ruubee sadarkaa Rippoortaraa hanga Itti Aanaa Hojii raawwachiisaa olaanaatti dhaabbilee Miidiyaa adda addaatti tajaajilaa kan turan yoo ta’u, Keessumaa OBN fi EBCtti Rippoortaraa eegalee sadarkaa hoggansaa adda addaatti tajaajilaniiru.
Fulbaana 27 bara 2014 eegalee hanga lubbuun darbanitti Itti aanaa Hojii gaggeessaa olaanaa EBC ta’uun tajaajilaa turan .
Obbo Abdurahimaan bulti kan dhaabbatanii fi Abbaa ijoollee sadii turan.
Obbo Abdurahimaan, Naamusa gaarii kan qabnanii fi hojiisaaniin nama cimaa turan.
Sirni awwaalchaa Obbo Abdurahimaan Ruubee har’a guyyaa sa’aatii 7:00 kolfee bakka awwaalchaa Musiliimotaatti raawwatama.
ENA’n Du’aan Boqochuu Itti Aanaa Hojii raawwachiisaa olaanaa Abdurahimaan Ruubeetti gadda itti dhagahame ibsaa, maatii fi firoottansaanii fi waahillan hojiisaaniif jajjabina haawwa.