Ija Mootummaa Ida’amuun naannichatti hojiileen bakkeewwan hawwata turistootaa misoomfaman bakka gahumsa turistootaa mijataa ta’eera - ENA Afaan Oromoo
Ija Mootummaa Ida’amuun naannichatti hojiileen bakkeewwan hawwata turistootaa misoomfaman bakka gahumsa turistootaa mijataa ta’eera
Mudde 14/2018(ENA)- Ija Mootummaa Ida’amuun hojiileen misoomaa bakkeewwan hawwata turistootaa misoomfaman, hariiroo hawaasaa cimsuun dabalatatti daawwattootaaf haala mijataa uumuu isaa Biiroon Aadaa fi Turizimii naannoo Oromiyaa ibse.
Mootummaan hariiroo sabaa fi sablammoota gidduutti xiyyeeffachuun isaa duudhaalee aadaa lammiilee dagaagsuu fi guddina damee turizimii diinagdee keessatti guddisuu keessatti gahee murteessaa taphachaa jira jedhan itti aanaa hogganaa Biiroo Aadaa fi Tuurizimii Naannoo Oromiyaa Daraaraa Katamaa.
Mootummaan Ida’amuu xiyyeeffannoo ijaarsa aadaa sabootaa irratti taasise obbolummaa sabdeessummaa cimsaa jiraachuu himaniiru.
Hojiin aadaa miidhagaa Itiyoophiaa mul’ise hojjetame kuni diinagdee turizimii guddisuuf shoora olaanaa bahateera jedhan.
Kaka’umsa Ministira Muummee doktar Abiyyii Ahimadiin hojiileen bakkeewwan hawwata turizimii haaromfamaniifi ijaaraman guddina turizimiif gahee olaanaa bahachaa jiraachuu himaniiru.
Naannichatti Piroojektoonni Maaddii Biyyaan hojjetaman guddina turizimiif gahee olaanaa bahachaa jiru jedhan.
Damee turizimiitiin bu’uuraaleen tuuriizimii bal’aan kutaalee biyyattii adda addaa keessatti inishiyeetiivii Maaddii Shaggar, Maaddii Biyyaaf fi Maaddii Dhalootaaf jalatti ijaaramaniiru.
Naannoo Oromiyaatti piroojaktoonni Dandii-Wancii fi Holqi Soof Umar inisheetivii Maaddii Biyyaan kanneen hojjetaman ta’uu ibsaniiru.
Hojiiwwan gama hambaalee fi kunuunsa seenaatiin hojjetaman, hambaalee qabatamaa fi hin qabamne eeguu fi kunuunsuun dhaloota dhufuuf akka darbuuf hojjetamaa akka jiran ibsaniiru.
Haaluma kanaan ayyaanni Irreechaa bifa tokkummaa sabootaa cimsuu danda’uun bakkeewwan adda addaatti akka kabajamu taasifameera jedhan.
Sirni Gadaas sirna barnootaa keessa galchuun adeemsi mana murtii aadaa cimuun, duudhaalee hawaasaaf xiyyeeffannoon kenname qabatamaan bu’aa argamsiisaa jiraachuu ibsaniiru.
Hawwata turizimii naannichaa karaa ‘Visit Oromia’ fi miidiyaalee adda addaa beeksisuun galii turizimii fooyyessuuf xiyyeeffannoon kennamee jiraachuu ibsaniiru.