Tamsaasa Kallatti:

Godina Shawaa Lixaatti Misooma Qamadii Jallisii boneen lafti hektaarri kuma 300 Sanyiin facaafameera  

Mudde 14/2018(ENA)–Godina Shawaa Lixaatti  Misooma Qamadii Jallisii Boneen  lafti hektaarri  kuma 300 sanyiin facaafamuu Waajjirri Qonnaa Godinichaa beeksise.
Godinichatti Aanaa  tokkee kuttaayeetti  hojiin Misooma Jallisii Qamadii Bonee  hoggantoota godinaa fi Aanaaleen daawwatameera. 



Itti Aanaan Waajjira Qonnaa Godina Shawaa Lixaa Abdiisaa Haayiluu  akka  jedhanitti, Qamadii jallisii Boneen  lafa hektaara  kuma 400  misoomsuuf  karoorfamee  hojjetamaa jira. 
Adeemsa hanga ammaan  lafti hektaarri kuma 320 qophiin ooyruu xumuramee  lafti hektaarri  kuma 300 sanyiin facaafamuu  eeruun  waliigala  lafa misoomerraa  callaan kuntaalli  Milliyoona 12 tuqaa 6  ni  abdatama jedhaniiru. 



Misoma Jallisii Qamadii Bonee milkaa’aa taassisuuf Muuxannoo waggoottan darban  irraa fudhachuun omishaa fi omishtummaa guddisuuf  hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru. 
Keessuma Xaa’oo Biyyee fi sanyii failatamaa haala fooyyee qabuun dhiheessuun danda’amuu fi qonnaan bulaan paakeejiiwwan qonnaa  hojiirra akka oolchaniif  deeggarsi ogummaa taassifamaa jiraachuu ibsaniiru. 
Bulchaan Aanaa Tokkee Kuttaayee Obbo wayyeessaa Alamuu  gamasaaniin, Aanichatti qonna kilaastaraa  hojiirra oolchuun  misoomni jallisii bonee hojjetamaa jira. 



Aanichatti  lafti hektaara  kuma 20  qamadiin misoomsuuf karoorfamee  hanga ammaatti  lafti hektaarri  kuma 10 ol  sanyiin facaafamuu ibsaniiru. 
Aanichatti ganda Imala dawweetti Aajootti Qaama karoorichaa kan ta’e  lafa hektaara 102 irratti sagantaan sanyiin qamadii facaafasuu gaggeeffamuu eeruun  hojii  misoomaa kanarratti  qonnaan bultoonni 208  kilaastaraan hirmaachaa jiru jedhaniiru. 
Qonnaan bultoota Aanichaa ENA ‘n dubbise akka jedhanitti,  misooma  jallisii boneen  hirkattummaarra bahuun waggaatti yeroo  sadii misoomsuu danda’usaanii  dubbataniiru. 



 Qonnaan bulaan Araarsaa Dilgaasaa akka jedhanitti erga misooma Qamdii Jallisii eegalanii asitti wabii nyaataa mirkaneessuurra darbee galiinsaanii guddachaa maatiisaanii  haala fooya’een gaggeeffachaa jiraachu  ibsaniiru. 
Bara kanas qonnaan bultoota biroo kilaastaraan gurmaa’uun qamadii facaasuusaanii ibsuun   hektaara tokkorraa callaa kuntaala 35  akka abdatan ibsaniiru.



Qonnaan bulaan Biroon aanichaa Gammachuu Dandanaa waggoottan sadan darban qonnaan bultoota naannichaa waliin  kilaastaraan  Qamadii jallisii  misoomsaa jiraachuu ibsuun, kanaanis fayyadamoo ta’uu ibsaniiru. 
Bara kana gama waajjira Qonnaa Aanichaan galteewwan omisha guddisanii fi Tiraaktarri  dhihaateefii  hojicha bal’inaan hojjechaa jiraachuu  ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015