Tamsaasa Kallatti:

Itti aanaan hojii raawwachiisaa olaanaa EBC obbo Abdurahimaan Ruubee addunyaa kanarraa du’aan boqotan

Mudde 14/2018(TOI)- Itti aanaan hojii raawwachiisaa olaanaa EBC obbo Abdurahimaan Ruubee addunyaa kanarraa du’aan boqotaniiru.

Dhukkubsatanii waldhaanamaa turanii addunyaa kanarraa du’aan kan boqotan obbo Abdurahimaan Ruubee sirni awwaalchasaanii har’a akka raawwatamu ibsameera.

Obbo Abdurahimaan sadarkaa riippoortaraa irraa amma itti aanaa hojii raawwachiisaa olaanaatti dhaabbilee miidiyaa garagaraa irratti tajaajilaniiru.

Keessumaa OBN fi EBCtti riippoortara irraa eegalee sadarkaa hoggansaatti tajaajilaniiru.

Amma guyyaa lubbuunsaanii darbeetti itti aanaa hojii raawwachiisaa EBC ta’uun tajaajilaa turaniiru.

Obbo Abduraahimaan bultii kan dhaabbatanii fi abbaa ijoollee sadii turan.

Tajaajilli Oduu Itiyoophiyaa du’a itti aanaa hojii raawwachiisaa olaanaa obbo Abdurahimaan Ruubeetti gadduusaa ibsaa maatiisaanii michootasaanii fi miiltoo hojiisaaniif jajjabina hawwaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015