Tamsaasa Kallatti:

Misoomni Qamadii Jallisii Bonee Wabii nyaataa Mirkaneessuurra darbee  Aadaa hojii  jijiiraa  jira

Mudde13/2018(ENA)–Naannoo Oromiyaa Godina wallaggaa  Lixaatti  misoomni   Qamadii Jallisii Bonee wabiinyaataa mirkaneessuurra darabee Aadaa hojii jijjiiraa jiraadhufuu   Qonnaan bultoonni ibsan.

Innisheetifiin Misooma Qamadii jallisii Bonee Qamdii Jallisiin misoomsuun akka danda’amu beeksisuun olitti  sadarkaa biyyoolessaatti  bakkeewwan barteen  gammoojjii  Misoomaaf hin ta’an jedhamanii beekaman dabalatee gara misoomaatti galaa  jiru.

Misoomni Qamadii Jallisii Bonee misoomicha bal’inaan beeksisuurra darbee omishtummaasaa babal’isuun  Qannaan bulaafis ta’e Diinagdee biyyaaf   faayidaa qaban guddisuurratti naannoolee argaman keessaa Naannoon Oromiyaa tokkodha.


 

Godinaalee naannicha jiran haala teessumaa qaban karaa eegeen  innisheetifoota haarawaa Qamadii fi Ruuzii dabalatee baratamaa dhufeera.

Qonnaan bultoonni Godina wallaga Lixaa jiran akka jedhanitti  Misoomni Qamadii Jallisii Bonee Wabiinyaataa mirkaneessuurra darbee  Aadaa hojiisaanii  kan jijjiire dha.

Godinichatti Qonnaan bulaan Aanaa Baabboo Gambeellaa  Addisuu Tarreessaa, Misooma qamadii Jallisii boneerratti  hirmaachuu erga eegalanii  wabiinyaataasaanii mirkaneessuun fayyadamoo ta’uusaanii ibsaniiru.


 

Kanaan dura rooba eeguun waggaatti  yeroo tokko qofa  omishaa turuusanii  ibsuun  hojichaanis  jireenyaa saanii fooyyeffachuu akka hin dandeenye himaniiru.

Waggoota jijjiiramaa as garuu, misooma jallisii Boneen jireenya isaanii fooyyeffachuu kan danda’an yoo ta’u,aadaan hojii isaanii kan jijjiiramaa kan dhufe ta’uu ibsaniiru.

Baranas qophii haal duree gahaa taasisuun,lafa heektaara kurmaana tokko irratti qamadii kilaastaraan oomishaa jiraachuu dubbataniiru.

Jiraataa qonnaan bulaa aanaa kanaa kan ta’an Beekuma Gabbisaa, bara kana lafa walakkaa heektaara jallisii Bonaa keessatti xaa’oo fayyadamuun akka misoomsan dubbataniiru.


 

Misooma jallisii qamadii Bonee erga jalqabanii booda jireenyi isaanii kan fooyya’e ta’uu eeruun, hojiin misoomaa kuni waggaa guutuu hojii qonnaa irratti akka xiyyeeffatan kan isaan dandeessise ta’uu ibsaniiru.

Godina Wallaggaa Lixaatti itti gaafatamaa Waajjira Qonnaa aanaa Baabboo Gambeel kan ta’an obbo Abarraa Dheeressaa akka jedhanitti, aanichatti lafti heektaara 9,000 qamadii jallisii Bonaan misoomeera.


 

Kana irraas oomishni qamadii kuntaala kuma 100 ol akka eegamu ibsuun,qonnaan bultootaaf deeggarsiisfi hordoffiin taasifamaa jiraachuu himaniiru.

Waajjira Qonnaa godina Wallaggaa Lixaatti ogeessa misooma jallisii kan ta’an obbo Girmaa Jalataa gama isaaniin; godinichatti bara kana qamadii heektaara kuma 196 ol misoomsuuf karoorfamee, hojii hanga ammaatti hojjetameen heektaara kuma 195, 531  midhaaniin uwwifameera jedhan.

Misoomichaan qonnaan bultoota kuma 91 ol hirmaachaa kan jiran yoo ta’u, callaa kuntaala miliyoona 7 ol argachuuf kan eegamu ta’uu ibsaniiru.

Qonnaan bultootaaf dhiyeessiin galteewwan qonnaa dabalatee, paampiin bishaan harkisu dhiyaachuufii ibsuun deeggarsiifi hordoffiin taasifamaafii jiraachuu himaniiru. Akkasumas oomishaalee gahan osoo hin qisaasa’iin sassaabuuf hojjetamaa jira jedhani.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015