Tamsaasa Kallatti:

Yunvarsiitiiwwan Appilaayid Saayinsii hojii qorannoo fi qo’annoo haala qindaa’een hojjechuu qabu - Ministira Barnootaa

Mudde13/2018(ENA)–Yunvarsiitiiwwan Appilaayid Saayinsii hojii qorannoo fi qo’annoo haala qindaa’een hojjechuu akka qaban Ministerri Barnootaa hubachiise.

Foramiin Yunvarsiitii Appilaayid Saayinsii 3ffaan har’a Finfinneetti gaggeeffameera.


 

Waltajjii marii kanarratti kan argaman Ministeera Barnootaatti hojii raawwachiisaan dhimma akkaadaamii Doktar Eebbaa Miijanaa akka dubbatanitti, dhaabbiileen Barnoota Olaanoo hojii baruu fi barsiisuu cinaatti hojii qorannoo fi qo’annoo hojjechuun dameelee adda addaan jijjiirama hawaasaa akka fidan taassifamaa jira.

Kanaanis Yunvarsiitiiwwan gidd-ugala gahumsaa ta’anii hojii qorannoo fi qo’annoo gaggeessaniin hawaasa fayyadamoo taassisuun irraa eegama jedhaniiru.

Keessumaa Yunvarsiitiiwwan Appilaayid saayinsii haala qindoomina qabuun haala qabatamaa naannoosaanii jiru gidd-ugaleeffachuun hojii qorannoo fi qo’annoo hojjechuun ergama isaanii bahuu akka qaban ibsniiru.


 

Itti gaafatamaan Qindoomina Yunvarsiitiiwwan Appilaayid Saayinsii fi Pirezidaantiin Yunvarsiitii Dirree Dawaa Doktar Ubaay Adam gamasaaniin fooramichi Yunvarsiitiiwwan qoranno waliin hojjetaniif muuxannoo qooduu fi bu’aa qabeessummaa hojiiwwan qorannoo hojjetamaniin gamaggamuuf kan qopha’e dha jedhaniiru.

Dhaabbileen Barnootaa olaanoon hojiiwwan qorannoo fi qo’annoo hawasarratti xiyyeeffatan hojjechuunii fi Teekinooloojiiwwan haarawaa beeksisuun hojiiwwan hawaasa fayyadamoo taassisan irratti hirmaachaa jiraachuu kaasaniiru.

Yunvarsiitichi damee hojii qabatamaan ergama kennameef milkeessuuf Qonnaan, Albuudaa fi hojiilee qorannoo adda addaa hawaasarratti xiyyeeffatan hojjechaa jirachuu pirezidaantiin Yunvarsiitii Asoosaa Doktar Kamaal Abduraahim dubbataniiru.


 

Keessumaa qabeenya Maangoo fi Leemmanarratti hojiiwwan qorannoo raawwatamaa jiran Hawaasa Naannichaa fayyadamaa taassisuun eegumsaa fi kunuunsa qabeenyaan hojiiwwan hirmaannaa hawaasaa guddisan ta’uusaanii kaasaniiru.

Foramicharratti bakka bu’aan Ministeera Barnootaa, Pirezidaantii Yunvarsiitiiwwan Appilaayid Saayinsii fi hoggantoonni damee Barnootaa biroon argamaniiru.

Fooramiin Yunvarsiitiiwwan Appilaayid Saayinsii Yunvarsiitiiwwan 15 kan hammate yoo ta’u fooramiisaa jalqabaa Dirree Dawwaatti akkasumas 2ffaa Yunvarsiitii Arsiitti gaggeessuun isaa ni yaadatama.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015