Tamsaasa Kallatti:

Ergamaa fi dirqamoota biyyoolessaa nutti kenname gootummaan bahachuuf qophiidha- Eebbifamamtoota Miseensota Komaandoo Addaa

 

Mudde 13/2018(ENA)- Nageenya biyyaa fi ummataa eegsisuuf dirqama biyyoolessaa kennamuuf gootummaan bahachuuf qophii ta’uu isaanii ibsan Miseensonni koomaandoo addaa eebbifaman.

Poolisiin Itiyoophiyaa seenaa isaa keessatti yeroo jalqabaaf miseensota humna komaandoo addaa kan akkaadaamii Poolisii Giddugala Leenjii Awaashitti leenji’an Kaleessa, bakka itti aanaan Ministira Muummee obbo Tamasgeen Xurunaa argamanitti eebbiseera.


 

Humni Komaandoo Addaa kun beekumsaa fi gootummaadhaan oppereeshiniiwwan akka raawwatus himameera.

Miseensonni eebbifamtoota komaandoo addaa biyyaa fiuummata isaanii gootummaanii fi namummaadhaan tajaajiluuf qophii ta’uu isaanii ibsaniiru.

Konistaabil Miikiyaas Gabayyoo,konistaabil Mirtinash Takkaa fi konistaabil Abdii Tafarraa yaada isaanii ENAf kennaniin, leenjiin fudhatan leenjii jabeenya qaamaa qofa osoo hin taanee kan bilchina sammuu fi ogummaa oppereeshinii ta’uu dubbataniiru.


 

Haaluma kanaan ergama biyyaalessaa kamiyyuu gootummaan hojiirra oolchuuf qophii ta’uu isaanii ibsaniiru.

Leenjiin kunis ergama biraaf kan nama qopheessu ta’uu dubbataniiru.

Biyyaa fi ummata badii kamirraayyuu eeguuf hanga wareegama lubbuutti qophii ta’uu ibsaniiru.

Eebbifamtoonni kunneen dargaggoonni Itiyoophiyaa kaanis fakkeenya isaanii hordofuun biyya isaanii tajaajiluuf qophaa’uu akka qaban hubachiisaniiru.


 

Eebbifamtoonni kunneen kutaalee biyyattii hundarraa kan walitti dhufan waan ta’eef, yeroon leenjiirra turan, yeroo tokkummaa Itiyoophiyaa qabatamaan itti argan ta’uu himaniiru.


 

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015