Manni marichi dhimmoota misoomaa fi nageenyaa hawaasa tokko taasisan cimsee itti fufa - ENA Afaan Oromoo
Manni marichi dhimmoota misoomaa fi nageenyaa hawaasa tokko taasisan cimsee itti fufa
Mudde13/2018(ENA) -Manni maree bakka bu’oota uummataa Dippilomaasii Paarlaamaa fi hojiiwwan bakka bu’insaa dhimmoota misoomaa fi nageenyaa hawaasa tokko taasisan cimsee akka itti fufu Itti aantuun Af-yaa’ii Mana maree bakka bu’oota uummataa Loomii Badhoo ibsan.
Ministeerri Nageenyaa Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataa waliin ta’uun Mana Maree Federaalaa fi naannoolee seera baasuu, hojii hordoffii fi to’annoo yeroo taasisan nageenya hammachiisanii hojiirra akka oolchaniif dhimmoota dandeessisan irratti waltajjii marii qopheesseera.
Itti aantuun Af-yaa’ii Mana maree bakka bu’oota uummataa Loomii Badhoo wayita kana akka jedhanitti, Nageenyi bu’uura guddina biyyaa ta’uu kaasaniiru.
Kunis Omishtummaa Qonnaan Bulaaf, bu’aa qabeessummaa Daldalaaf, bu’aa qabeessummaa misooma mootiummaa fi Barattoonni kalaqawwan haawaraa maddisiisuuf murteessaa ta’u eeraniiru.
Nageenyi harka keenya kan jiru malee eessayyuu kan fidnu miti kan jedhan Af-yaa’iin kun, nageenya biyya keenyaa eeguun lammii biyya keenyaa hundarraa kan eegamu ta’uu ibsaniiru.
Ijaarsi nageenyaa ijaarsa biyyaa ta’uu ibsuun, nageenya biyya argamaa jiru cimsuun misooma biyyaa saffisiisuu qabna jedhaniiru.
Manni mariachi Dippilomaasii Parlaamaaf, Hojiiwwan bakka bu’insaa fi sochiiwwan biroon hawaasa tokko kan godhan dhimmoota nageenyaa irratti tattaaffii taassisu cimsee akka ittifufu ibsaniiru.
Kanaafis manni mariachi dhaabbileen nageenya dabalanii akka hojjetan to’annoo fi hordoffi akka godhu dubbataniiru.
Kanarra darbee seerawwan faayidaa biyyoolessa qaban yeroo dhihaatan qooda nageenyaaf qaban gidduugaleessa taassisuun qophaa’uusaanii ni to’ata jedhaniiru.
Dhaabbileen baajata ramadameefii kaayyoo maaliif olchanii to’annoo jedhu akka taasisu ibsaniiru.
Waltajjicharratti Itti Aantuun Af-yaa’ii mana maree bakka bu’oota ummataa Loomii Badhoo, Ministirri nageenyaa Maammad Idriis, waajjirra Miniteera muummeetti ministirri Qindeessa gidduugala ijaarsa Sirna Dimokiraasii Doktar Biqilaa Hurrisaa fi keessummoonni biroon argamaniiru.