Inistituyuutichi damee industirii ijaarsaa karaa teeknooloojiin ceesisuuf hojii eegale cimsee itti fufuu qaba - ENA Afaan Oromoo
Inistituyuutichi damee industirii ijaarsaa karaa teeknooloojiin ceesisuuf hojii eegale cimsee itti fufuu qaba
Mudde 13/2018(ENA)- Inistituyuutiin manaajimantii konistiraakshinii idustirii ijaarsaa isaa beekumsaa fi teekinooloojiin guddisuuf hojii eegale cimsee akka itti fufu Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataatti Koreen Dhaabbataa Dhimma Magaalaa, Bu'uuraalee misoomaa fi Geejjibaa beeksiseera.
Inistituyuutiin Manajimantii Konistiraakshinii hojii qorannoo fi qo’annoon deeggarame, damee konistiraakshinii deeggaru irratti kan xiyyeeffate, qooda fudhattoota adda addaa kan hirmaachise agarsiisa qo’annoo fi qorannoo gaggeessaa jira.
Agarsiisa qo’annoo fi qorannoo kana irratti kan argaman Dura taa'aan Koree Dhaabbataa Dhimmoota Magaalaa, Bu'uuraalee fi Geejjibaa Mana Maree Bakka Bu'oota Uummataa Piroofeesar Mohaammad Abdoo akka jedhanitti, inistiitiyuutichi dandeettii raawwii pirojektiii dame ijaarsaa guddisuuf hojiin hojjechaa jiru bu’aa agarsiisaa jira.
Hanqina qulqullinaa, harkifannaa yeroo fi baasii olaanaa pirojektoota ijaarsaa kanaan dura mudate hir’isuuf hojiin qorannoo irratti hundaa’ee hojjetamaa jiru cimee itti fufuu akka qabu cimsanii dubbataniiru.
Bu’aa damichaan argamu daran guddisuuf hojiiwwan ce’umsa teeknooloojii fi ijaarsa dandeettii humna namaa irratti xiyyeeffannoon kennamuu akka qabus dubbataniiru.
Kanumaan walqabatee inistitiyuutichi beekumsaa fi teeknooloojiin industirii konistiraakshinii guddisuuf tattaaffii taasisaa jiru cimee akka itti fufu dhaamaniiru.
Deetaan Ministira Misooma Magaalaa fi Bu’u Misoomaa doktar Yeetimgeetaa Asraat gama isaaniitiin, industiriin ijaarsaa sadarkaa barbaadamurra akka ga’uuf xiyyeeffannoon addaa kennamee jiraachuu ibsaniiru.
Industiricha humna namaa gahoomee fi teeknooloojiin ammayyeessuun akkasumas hojmaata ariifachiisaa diriirsuuf hojjetamaa akka jiru hubachiisaniiru.
Meeshaalee ijaarsaa biyya alaatii galfaman biyya keessatti oomishuuf qooda fudhattoota waliin qindoominaan hojjetamaa jiraachuus ibsaniiru.
Inistiitiyuutii manajimantii Konistiraakshinii Itiyoophiyaatti Daarektarri Olaanaa injiinar Tammiraat Muluu akka ibsanitti, pirojektoonni qulqullina sadarkaa kaa’ameefiin, yeroo fi baasii kaa’ameen xumuramuu kan isaan dandeessisu qorannoo fi qo’annoo irratti xiyyeeffannoon kennamee hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.
Leenjiin beekumsa ijaarsa yeroo ammaa irratti xiyyeeffate ogeessotaa fi dhaabbilee damee kanarratti bobba’aniif kennamaa akka jiru himaniiru.