Tamsaasa Kallatti:

Taalentiin Bu’uuraalee Misoomaa Murteessaadha – Ministira Muummee Doktar Abiyyi Ahimad

Mudde 13/2018(ENA)-Taalentiin bu’uuraalee Misoomaa murteessaa waan ta’eef Misooma biroo waliin qixa invasti gochuun barbaachisaadha jechuun Ministirri Muuummee Doktar Abiyyi Ahimad ibsan.

Ministirri Muuummee Doktar Abiyyi Ahimad goolaba Dijiitala Itiyoophiyaa 2025 fi sirna jalqabsiisa Tarsiimoo Dijiitaalaa Itiyoophiyaa 2030 irratti gaaffiiwwan hirmaattota irraa ka’eef deebii fi ibsa kennaniiru.

Ministirri Muummee ibsa kennaniin, kalaqxoonni kan isaaniin dorgomu kan ittiin caalaan keessaa tokko fooyya’anii argamuun ta’uu dubbataniiru.


 

Mootummaan kalaqqawwan gama fayyaa fi dameelee biroon hojjetaman akka jajjabeessu akkasumas deeggaree akka itti fayyadamu ibsaniiru.

Kaayyoon guddaan Dijiitaala Itiyoophiyaa 2030 dandeettii haardiweerii yoo xinnaate roobootii mandhalee, bilbilaa fi ayipaadii uumuu dandeessisu uumuu ta’uu ibsanii, kun ammo sooftiweerii keessaa baanee haardiweerii ijaaruuf carraa uuma jedhaniiru.

Gama biroon Al-ergii bunaa dachaa 3n guddachuu ibsuun, kana dijiitaalaan deeggaruu fi sona dabaluun erguu akka qabnuu fi kanaafis motummaan cimsee akka hojjetu mirkaneessaniiru.

Mootummaan gabaa Itiyoophiyaarra darbee kaampaaniin teekinooloojii gara gabaa Afriikaatti fudhatan humna guutuun akka deeggaru dubbataniiru.

Mootummaan kanneen akka elektiriikii, Daandii fi telekomunikeeshiniin hundi bu’uuraalee misoomaa murteessaadha jedhee amana kan jedhan Ministirri Muummee kanaafis hojiiwwan hedduu hojjechuu ibsaniiru.


 

INSAn kan eegalee fi cimee kan itti fufe SamarKaampiin, Mana kitaabaa Abirootitti waggaa waggaan dorgommii Roobotii gaggeeffamuu fi Inistitiyuutii Hubannaa namtolchee yeroo dhiyoo eegale gamoon bu’uuraalee Misoomaa Istaart Appii agarsiistuu kanaati jedhaniiru.

Dabalataanis waajjiraalee mootummaa qulqullina qabanii fi Istaart App jedhamanii bakkeewwan qophaa’an uumamuusaanii ibsaniiru.

Hoggantoonni motummaa hamma hojii hojjennu Dandeettiirraatti Invastii gochuu akka qaban jechuun Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahimad kan dubbatan yoo ta’u , dhaabbiileen Istaart Appii xixiqqaan akka guddatanii fi akka hin badne gochuun itti gaafatamummaa dachaa hoggantoota hojii mootummaa ta’uu cimsanii dubbataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015