Mul'ata Dijitaalaa Itiyoophiyaa 2030 galmaan ga'uuf dhimmoonni dhaqqabamummaa humna ibsaa fi konneektiviitii murteessaadha - Ministira Muummee doktar Abiyyi Ahimad - ENA Afaan Oromoo
Mul'ata Dijitaalaa Itiyoophiyaa 2030 galmaan ga'uuf dhimmoonni dhaqqabamummaa humna ibsaa fi konneektiviitii murteessaadha - Ministira Muummee doktar Abiyyi Ahimad
Mudde 13/2018(ENA) - Mul'ata Dijitaalaa Itiyoophiyaa 2030 galmaan ga'uuf dhimmoonni dhaqqabamummaa humna ibsaa fi konneektiviitiin yoo guutame qofa ta’uu Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad ibsan.
Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad sirna sagantaa xumura Dijitaalaa Itiyoophiyaa 2025 fi jalqabsiisa Tarsiimoo Dijiitaalaa Itiyoophiyaa 2030 irratti ibsa kennaniiru.
Kanuma waliin mul’anni Dijitaalaa Itiyoophiyaa 2030 (dhiyeessii, carraa fi wal amantaa) galma ga’uu kan danda’u qaamolee murteessoo ta’an qaqqabummaa humna ibsaa fi konneektiviitii yoo guutaman qofa akka ta’e cimsanii dubbataniiru.
Humna elektirikaa jechuun, bilbila, konkolaataa fi diroonii dabalatee teeknooloojiiwwan adda addaaf soorata ta’uu hubachuun, sirnaan dhiyaachuu qaba jedhani.
Yoo kana ta’uu baate garuu, teeknooloojiin kun tajaajila eegamu kennuu hin danda’u jedhaniiru.
Kanaaf Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad humna ibsaa soorata teeknooloojii ta’e dhaqqabamaa gochuun barbaachisaa ta’uu eeruun; karaan itti argamu dirqama karaa Giriidii Biyyaalessaa ta’uu akka hin qabne akeekaniiru.
Haaluma kanaan, gariin ‘mini-grid’ irratti, gariin ‘off-grid’ ta’uu akka danda’an akeekaniiru; fakkeenyaaf hojii qaxxaamura biyyaa keenya keessatti sirna humna aduu gara mana qonnaan bulaa hundaatti babal’isuuf tattaaffiin taasifamaa jira.
Itiyoophiyaan amma seelii aduu oomishuu eegaltee ji’atti seelii aduu doolaara miiliyoona 20 hanga 25tti tilmaamamu gabaa biyya alaatiif ergaa akka jirtu eeraniiru. Oomishni seelii kun baadiyyaa Itiyoophiyaa keessatti qaawwa hafe guutuun babal’achuu akka danda’u dubbataniiru.
Gabaabumatti dhaqqabamummaa humna ibsaa osoo hin guutiin guddinni mirkaneessinu hin jiru jedhan.
Guddina guutuu fiduuf,’inarjii’ barbaachisa; inarjiin suni garuu magaalotattiifi dhiyootti qofa kan dalleeffame osoo hin taanee lammiileen hundi kan argatan ta’uu qaba jedhan.
Galmoota Dijitaalaa Itiyoophiyaa 2030 galmaan ga’uuf konneektiviitiin gahee olaanaa akka qabus eeraniiru.
Magaalonni hedduun neetworkii 4G fi 5G fayyadamuu akka jalqaban hubachiisaniiru.
Malli walitti hidhamiinsa 4G fi 5G akkuma eegamutti ta’ee, naannoolee baadiyyaa keessatti haala salphaa fayyadamuun karaa ‘faayibar optikii’ fi teeknooloojiiwwan yeroo ammaa itti fayyadamnutti dhimma hin baanu taanaan, filannoowwan saatalaayitii hordofuun barbaachisaa ta’uu ibsaniiru.
Ministirri Muummee waggoota shanan dhufan keessatti Itiyoophiyaa dhibbeentaa 100 walitti hidhuu qabna jedhaniiru; kun ni danda’ama; akkasumas ni danda’ama jennee amannee yoo wal qunnamsiifne malee lammiileen carraa wal qixa argachuu hin danda’an jedhan.
Humni ibsaa damee ciminaan irratti hojjetamuu qabu, akka nyaataa fi walitti hidhamiinsaa(konneektiviitii), akka walqixxeessaatti ilaaluun, carraa wal qixa lammiilee hundaaf mirkaneessuu kan danda’amu karaa kana ta’uu cimsanii dubbataniiru.
Kana galmaan gaafa geenyuu fi beekumsa yeroo itti daballu dha guddina galmaan ga’uuf karoorfanne kan milkeessinu jedhan.