Mariileen ummataa bayyanachuun Itiyoophiyaa qabatamaan ummata bira akka jiru kan itti mirkaneessinedha-Ministira Caaltuu Saanii - ENA Afaan Oromoo
Mariileen ummataa bayyanachuun Itiyoophiyaa qabatamaan ummata bira akka jiru kan itti mirkaneessinedha-Ministira Caaltuu Saanii
Mudde 12/2018(TOI)- Mariileen ummataa tibbana magaalaa Finfinnee fi magaalaawwan naannoleetti gaggeeffaman bayyanachuun Itiyoophiyaa qabatamaan ummata bira akka jiru kan itti mirkaneessinedha jedhan Ministirri magaalaa fi bu’ura nisoomaa Caaltuu Saanii.
Marii gaggeeffaman irraa humnaa fi dandeettii dabalataa arganneerra jechuun dubbatan ministirri Caaltuu Saanii.
Mariileen ummataa tibbana mata duree “labsiiwwan Gubaa bu’aalee mootummmaa ida’amuu” jedhuun Finfinnee fi magaalaawwan naannoleetti gaggeeffamuun ni yaadatama.
Ministirri magaalaa fi bu’ura misoomaa Caaltuu Saanii marii ummataa naannoo jiddu gala Itiyoophiyaa magaalaa Hosaa’inaatti gaggeeffamerratti argamuun, bayyanachuun Itiyoophiyaa qabatamaan ummata bira akka jiru mariilee ummataarraa mirkaneessineerra jedhaniiru.
Jijjiiramaan asitti kallattiin ummata bira gahuun mariisisuun aadaa ta’ee fulla’uu ibsaniiru.
Ummanni gaaffii fi yaada qabu wallabaan ibsachuusaa eeranii, kun ammo dandeettii fi humna dabalataa akka argannu nugargaareera jedhaniiru.
Ummanni Misooma kooriidarii dabalatee jijjiirama ijaarsa magaalaa fi bu’ura misoomaa irratti dhufe kaasuusaa fi dinqisiifachuusaa ibsaniiru.
Gama biraan naannichatti akkasumas magaalattiitti rakkoon hojii dhabdummaa jiraachuusaa fi rakkoon kun akka furamu gaafachuusaa dubbataniiru.
Gaaffilee misoomaa marii kanarratti kaafaman adeemsaan furuun walii galamuu ministirri kun ibsaniiru.
Dhimmoonni Kanaan dura gaafatamanii turan maalirra akka jiran dursuun ibsi kan itti kenname ta’uunsaa marii kana adda akka isa taasisu eeranii, kun ammoo mootummaan ummata dhaggeeffachaa akka jiru agarsiisa jedhaniiru.