Tamsaasa Kallatti:

Yaadonni hojii itti aanuuf galaa fi humna ta’an marii ummataatiin kaafamaniiru-Doktar Biqilaa Hurrisaa

Mudde 12/2018 (TOI)- Yaadonni hojii itti aanuuf galaa fi humna ta’an waltajjii ummataa magaalaa Miizaan Amaanitti gaggeeffamerratti bal’inaan kaafamuusaanii hogganaan damee ummataa fi hariiroo idil addunyaa paartii badhaadhinaa Doktar Biqilaa Hurrisaa dubbatan.

Mariin ummataa mata duree “labsiiwwan Gubaa bu’aalee mootummaa ida’amuu” jedhuun tibbana magaalaa Finfinnee fi magaalaawwan naannoleetti gaggeeffamuun ni yaadatama.

Mariiwwan ummataa gaggeeffaman ilaalchisuun hogganaan damee ummataa fi hariiroo idil addunyaa paartii badhaadhinaa Doktar Biqilaa Hurrisaa akkasumas hoggantoonni mootummaa olaanoo Biroon ibsa kennaniiru.

Hogganaan damee ummataa fi hariiroo idil addunyaa paartii badhaadhinaa Doktar Biqilaa Hurrisaa wayita kana marii ummataa naannoo kibba lixaa Itiyoophiyaa magaalaa Miizan Amaanitti taa’ame gaggeessuusaanii dubbataniiru.

Namoonni kutaa hawaasaa garagaraa irraa dhufan dargaggoonni, dubartoonni, jaarsoliin biyyaa, abbootiin amantaa, hayyoonnii fi hojjettoonni mootummaa marii cimaa taasisuusaanii ibsaniiru.

Hirmaattonni kunneen hojiiwwan hojjetaman dinqisiifachuusaanii fi wantoota sirraa’uu qabanis kaasuusaanii eeraniiru.

Labsiiwwan Gubaa dabalatee dhimma ulaa galaanaa akkuma hidha haaromsaa Itiyoophiyaa guddichaa akka mikaa’an yaada bal’aa kaasuusaanii dubbataniiru.

Yaadonni kaafaman kunneen ammoo gaabbii fi kaka’umsa caalu kan uuman waan ta’eef, hojiilee fuuldura akka biyyaatti hojjetamaniif galaa fi humna waan ta’aniif galtee ta’uun fudhatamu jechuun ibsaniiru.

#Ena Afaan Oromoo#ENA#TOI

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015