Tamsaasa Kallatti:

Ministirri muummee Doktar Abiyyi Ahimad dijitaal Itiyoophiyaa 2030 ifatti eegalchiisan

Mudde 11/2018 (TOI)- Ministirri muummee Doktar Abiyyi Ahimad dijitaal Itiyoophiyaa 2030 har’a ifatti eegalchiisaniiru.

Ministirri muummee Doktar Abiyyi Ahimad ergaa fuula marsariitiisaaniirratti barreessaniin dijitaal Itiyoophiyaa 2025 guutummaan jechuun haala danda’amuun galmasaa ga’ee xumuramuu ibsaniiru.

Dijitaal 2030’n har’a ifatti eegalamuusaa eeranii, qaqqabummaa bal’isuu, lammiileef carraa walqixa uumuu akkasumas lammiilee fi dhaabbilee jidduutti wala amantaa gabbisuun ammoo karoora bu’uraa ijoo tarsiimichaa ta’uusaanii hubachiisaniiru.


 

Karoorri kunneen akka milkaa’an keessumaa bu’ura misoomaa dijitaalaa ummataa akka milkaa’an bal’isuurratti hojiin guddaan akka hojjetamu eeranii, teknoloojiin dijitaalaa kun namarratti xiyyeeffachuun jireenya namootaa akka jijjiiru human guddaa uuma jedhaniiru.

Walumaa gala hojiileen dijitaal Itiyoophiyaatiin hojjetaman galma mootummaan Ida’amuu karaa salphaa tarsiimoowwan gurguddoo dhugoomsuuf qabate waliin kan walitti hidhatan ta’uu dubbataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015