Tamsaasa Kallatti:

Niwukaastil Yunaayitid fi Cheelsiin walqixa bahan

Mudde 11/2018 (TOI)- Piriimar Liigii Ingiliz torban 17ffaa tapha jalqabaatiin Niwukaastil Yunaayitid fi Cheelsiin galchii 2 fi 2’n walqixa bahaniiru.

Tapha Istaadiyeemii Senti Jemsitti gaggeeffameen Niik wolti meed galchii daqiiqaa afraffaa fi 20ffaatti galcheen Niwukaastil Yunaayitid dura qabatee ture.

Boqonnaan booda Riis Jeemsi daqiiqaa 49ffaa fi Jo’aa’oo Peedroo daqiiqaa 66ffaatti galchii galchaniin Cheelsiin qabxii tokko argatee xumureera.

Akkaataa qabxii kanaatiin Cheelsiin qabxii 29 walitti qabatee sadarkaa afraffaa irra jira.

Niwukaastil Yunaayitid qabxii 23’n sadarkaa 11ffaa qabateera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015