Tajaajila Wiirtuu Tokkoo(Masoob) babal’isuun fedhii lammiileen tajaajila argachuuf qaban guutuuf tattaaffiin qindaa’aa ni taasifama- Pireesidaant Musxafee Mohaammad - ENA Afaan Oromoo
Tajaajila Wiirtuu Tokkoo(Masoob) babal’isuun fedhii lammiileen tajaajila argachuuf qaban guutuuf tattaaffiin qindaa’aa ni taasifama- Pireesidaant Musxafee Mohaammad
Mudde 11/2018 (ENA)- Tajaajila Wiirtuu Tokkoo(Masoob) babal’isuun fedhii lammiileen tajaajila argachuuf qaban guutuuf tattaaffiin qindaa’aa ni taasifama jedhan Piresidaantiin bulchinsa mootummaa naannoo Somaalee Musxafee Mohaammad.
Tajaajilli wiirtuu tokkoo(Mesob) har’a hojii kan eegale yoo ta’u,tajaaajilicha hojii kan eegalsiisan pireesidaantii Mootummaa Naannoo Somaalee obbo Musxafee Mohaammad, Waajjira Ministira Muummeetti Deetaa Ministira Dhimmoota Kaabinee Akiliiluu Taaddasaa akkasumas hoggantoonni federaalaa fi naannoo argamaniiru.
Giddugalichi tajaajila gahumsaa fi saffisaa kennuuf teknooloojiin kan guutame waan ta’eef itti gaafatamummaa mirkaneessuufis ni gargaara jedhaniiru. Giddugalichi tajaajila fooyya’aa kennuuf bu’uuraalee misoomaa ammayyaa fi humna namaan kan guutame ta’uus eeraniiru.
Tajaajila kana babal’isuuf magaalota naannichaa 13 keessatti tajaajila wiirtuu tokkoo hojiirra oolchuuf kan hojjetan ta’uu ibsaniiru.
Deetaan Ministiraa Akiliiluu Taaddasaa gama isaaniin,tajaajilli wiirtuu tokkoo lammiileen loogii tokko malee tajaajila akka argataniif kan gargaaru ta’uu ibsaniiru.
Tajaajilli wiirtuu tokkotti kennamu mootummaa fi uummata walitti dhiheessuun tajaajila nama giddu galeessa godhate mirkaneessuuf kan gargaaru ta’uu ibsaniiru.
Giddugalichi haaromsa waliigalaa mootummaan kenniinsa tajaajilaa irratti eegale galmaan ga’uuf gumaacha olaanaa akka taasisus ibsaniiru.
Wiirtuun har’a hojii eegale kuni magaalaa Jigjigaatti kan ijaarame yoo ta’u, marsaa jalqabaan dhaabbilee 9tti tajaajilawwan 32 qindeessuun kan kennu ta’uu beekameera.