Tamsaasa Kallatti:

Damee loojistiksii irratti hojiilee hojjetamaniin fooyya’insi olaanaa argameera

 

Mudde 11/2018(ENA)-Damee loojistiksii Itiyoophiyaa irratti hojiilee reefoormii hojjetamaniin fooyya’ins olaanaan mul’achuu Ministirri Ministeera Geejibaa fi Loojistiksii doktar Alamuu Simee beeksisan.

Ministeerri Geejibaa fi Loojistiksii meeshaalee Komishinii Gumuruukaaf tajaajila “elektirooniksii kaargoof’’oolu deeggarsa kenne.

Ministirri Geejjibaa fi Loojistiskii, doktar Alamuu Simee yeroo wal-harkaa fuudhinsa meeshaalee kanaa dubbatanitti, deeggarsa teeknooloojii haaraan kun rakkoolee bu’uuraa damicha keessatti mul’atan furuuf kan kaayyeffate yoo ta’u, kana malees nageenya meeshaalee biyya alaatii galanii fi biyya keessaa bahan mirkaneessuudha.


 

Teeknooloojiin kun meeshaaleen karaa elektirooniksii saamsamanii, bakka ka’umsa isaanii irraa ka’anii hanga gahumsa isaanii gahanitti osoo addaan hin ciccitiiniifi osoo hin dhaabatiin akka geejjibsiifaman taasisa.

Kunis meeshaaleetti darbee darbee daandii irratti akka wantoonni hin barbaachifne itti hin dabalamne gargaara jedhani.


 

Meeshaalee kontiroobaandii seera qabeessa fakkeessanii dabarsuuf kan yaalanis ittusuuf kan gargaaru ta’uu eeruun, hojmaanni kuni hojii damee kanaa dachaan kan guddisu ta’uu himaniiru.

Fooyya’iinsa damee loojistikii keessatti mul’ate keessatti Komishiniin Gumurukaa gahee olaanaa taphachuu isaa ibsuun, bu’aa damichaan argame guddisuuf ciminaan hojjetamuun akka itti fufu mirkaneessaniiru.

Deetaan Ministeera Geejjibaa fi Loojistiskii obbo Dheengee Boruu gama isaaniin, tarsiimoon loojistikii waggoota 10f qophaa’ee ture fooyya’uu isaa beeksisaniiru.


 

Tarsiimoon fooyya'ee waggoota shanan dhufan keessatti hojiirra oolu kun dhimmoota ilaalcha "Mootummaa Ida’amuutiin" dhimmoota duubatti hafan irratti xiyyeeffachuun damichaa sadarkaa olaanaatti kan ceesisu ta'uu ibsaniiru.


 

Deeggarsi taasifame hariiroo hojii dhaabbilee lamaan gidduu jiru sadarkaa olaanaatti kan ceesisu ta’uu Komishinarri Gumuruukaa Dabalee Qaabataa ibsaniiru.

Deeggarsi kun sirna daldalaa nageenyummaan isaa eegamee fi sirrii ta’e adeemsisuun Komishinichaaf gargaarsa guddaa akka ta’u himaniiru

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015