Itiyoophiyaan Yaadama Ida’amuutiin Nageenyaa fi Misooma Gaanfa Afriikaaf shoora adda durummaashee bahaa jirti - ENA Afaan Oromoo
Itiyoophiyaan Yaadama Ida’amuutiin Nageenyaa fi Misooma Gaanfa Afriikaaf shoora adda durummaashee bahaa jirti
Mudde11/2018(ENA)- Itiyoophiyaan yaadama Ida’amuutiin Gaanfa Afriikaa jijjiiramaa ta’e keessatti nageenyaa fi misooma mirkaneessuuf qooda adda durummaashee bahaa jiraachuu Daarektaarri Quunnamtii Idil-Addunyaa Paartii Badhaadhinaa Nabiyyuu Sihuul Mikaa’el ibsan.
Daarektaarri Quunnamtii Idil-Addunyaa Paartii Badhaadhinaa Nabiyyuu Sihuul Mikaa’el (POA) waliin turtii taasisaniin, Itiyoophiyaan Biriiksitti(BRICS) tumsa gam hedduun sagalee Afriikaa dhageessisuuf hirmaannaa guddaa taassiaa jiraachuusee dubbataniiru.
Haalli teessuma Gaanfa Afriikaa sochii daldalaaf mijattuu ta’uu kaasuun, sochiin daldala Addunyaa dhibbantaa 30 kan adeensifamu riijinii kana keessatti kan raawwatamu ta’u dubbataniiru.
Riijinichi fedhiin qaamolee hedduu kan keessa jiru ta’uu Itiyoophiyaan Faayidaa biyyoolessaashee haala eegsisuun biyyoota waliin tumsaan hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.
Itiyoophiyaan Yaadama Ida’amuun Nageenyaa fi misooma gaanfa Afriikaa Jijjiiramaa ta’e mirkaneessuuf shoora adda durummaashee bahaa jiraachuu ibsaniiru.
Paartiin Badhaadhinaa dhiibbaa Itiyoophiyaan Riijinichatti uumtu yaadama ida’amuun dhugoomsuuf hojjechaa jiraachuu ibaniiru.
Karoora misoomaa milkeessuuf tumsa biyyoota waliin qabdu cimsuu akka qabdu eeruun kanaafis tattaaffii dhuunfaan olitti ida’amuun bu’aa qabeessa taasisa jedhaniiru.
Itiyoophiyaan walii galteen Daldala Riijinii bilisaa Afriikaa hojiirra oolchuuf kutannoo qabdu kan argisiisu ta’uu ibsaniiru.
Dhaabbileen Riijinii akka hundeeffamanii fi tokkummaan Afriikaa akka cimuuf Itiyoophiyaan qooda olaanaa bahuushee ibsaniiru.
Hidhi haaromsa Guddichi Itiyoophiyaa Dippiloomaasii cimaan xumurmuunsaa Itiyoophiyaarra darbee Afriikaan hundi kan itti boonu ta’uu kan kaasan Obbo Nabiyyuun, hidhichi walitti hidhaminisa Diinagdee Riijinichaaf qooda olaanaa qabaachuu ibsaniiru.
Gama biroon Itiyoophiyaan BRICS’tti tumsa gam hedduu fi hirmaannaa guddaa taassisuun ofirra darbitee sagalee Afriikaa dhageessisuushee ibsaniiru.
Itiyoophiyaan Biyyoota Miseensa BRICS waliin tumsa qabdu cimsuun karoora misoomaa fi faayidaa biyyoolessaashee kabachiisuuf ni hojjetti jedhaniiru.