Tamsaasa Kallatti:

Naannoo Oromiyaatti baatiiwwan afran darban keessa oomishni qurxummii toonii 187 argameera

 

Mudde 11/2018(ENA)- Naannoo Oromiyaatti baatiiwwan afran darban keessa oomishni qurxummii toonii 187 argamuu Biiroon Qonnaa naannichaa beeksise.

Biiroo Qonna Naannoo Oromiyaatti ogeessi misoomaa fi teeknooloojii qurxummii obbo Milkeessaa Nagaasaa ENAtti akka himanitti, naannichatti oomishaa fi oomishtummaa qurxummii guddisuuf hojjetamaa jira.


 

Keessattuu adeemsa oomisha qurxummii ammayyeessuuf hojiin qorannoo irratti hundaa’e qooda fudhattoota hirmaachisuun hojjetamaa turuu ibsaniiru.

Adeemsa kana keessattis oomisha qurxummii bishaan gurguddaa keessatti argamuun alattis qonnaan bultoonni bishaan kuufamaa xixiqqoo keessatti oomisha qurxummii irratti akka hirmaatan hubannoo fi leenjiin kennameeraaf jedhan.

Hojii kana milkeessuufis cuucii qurxummiiwwan sanyii fooyya’aa qaban kan giddugala keessaa bahan qonnan bultootaaf dhiyeessuun deeggarsa taasisaa tureera jedhani.


 

Waggoota sadan darbanitti keessumaa naannoo gammoojjiitti hidha jallisii xixiqqaa fi giddu galeessaa fayyadamuun oomishni qurxummii raawwatamaa akka ture himaniiru.

Naannichatti waggaa darbe qurxummiin toonii 331 argamuu eeruun, bara kanatti immoo toonii 337 argachuuf karoorfamee baatii afran darbanitti qurxummii toonii 187 argachuun danda’ameera jedhan.

Akkasumas, horsiisa qurxummii qonna magaalaa waliin walitti makuun wabii nyaataa hawaasaa mirkaneessuuf galmi qabame hojiirra oolaa jiraachuus ibsaniiru.

Misoomni qurxummii godinoota naannichaa hundatti adeemsifamaa jiraachuu ibsuun, godinoota Shawaa Kaabaa, Jimma Horroo Guduruu Wallaggaa, Gujii Lixaatti haala foyya’insa qabuun adeemsifamaa jiraachuu eeraniiru.

Akkasumas bishaan haroo xixiqqaa kuma 1 fi 781 qopheessuuf karoorfamee hanga ammaatti haroowwan xixiqqaa 508 kan qopheeffaman ta’uu ibsuun, cuucii qurxummii kuma 600 ol raabsuun danda’ameera jedhan.

Itti dabaluunis, qonnaan bultoonni damee kanarratti bobba’an hojii qonnaa idilee isaanii cinatti qurxummii misoomsuun bu’aa fooyya’aa argamsiisan irraa kan ka’e kaka’umsi isaanii yeroodhaa gara yerootti dabalaa akka jiran ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015