Teknooloojichi dhiheesii anniisaa amansiisaa guddisuuf kan dandeessisudha - ENA Afaan Oromoo
Teknooloojichi dhiheesii anniisaa amansiisaa guddisuuf kan dandeessisudha
Mudde 11/2018(TOI)-Tajaajilli elektiriikii Itiyoophiyaa teknooloojiiwwan dhiheesii anniisaa amansiisaa guddisuuf dandeessisan hojiirra oolchuuf Huwaawwee waliin akka hojjetu beeksise.
Tajaajilli elektiriikii Itiyoophiyaa tajaajila kennu teeknooloojiin deeggaruu fi caalaatti ammayyeessuuf kaampaanii Huwaawwee Chaayinaa waliin mallatteesseerra.
Haala Kanaan, teeknooloojiiwwan Ismaarti giriid babal’isuuf, bu’ura misoomaa elektiriikii diriirfamu ammayyeessuu fi dhiheessii anniisaa amansiisaa guddisuuf gargaaran Huwaawwee waliin tumsaan diriirsuuf kan dandeessisu ta’uusaa hojii raawwachiisaan olaanaa Injiinar Geetuu Garramuu sirna mallattoorratti dubbataniiru.
Injiinar Geetuun itti fufuun, dhaabbileen lamaan bu’ura misoomaa chaarjii konkolaataa elektiriikii babal’isuuf tumsaan hojjechuuf walii galuusaanii ibsaniiru.
Sarara ammayyaa raabsaa elektiriikii to’atu ijaaruuf, baatiriiwwan inarjii yeroo dheeraaf tursan dhaabuu fi teknooloojiiwwan ammayyaa Itiyoophiyaa keessatti hojiirra oolchuuf waliigalteerra gahamuu dabalanii eeraniiru.
Bakka bu’ooni kaampaanii Huwaawwee gamasaaniin, teeknooloojiiwwan furmaata inarjii fulla’aa kalaqarratti hundaa’anii fi ammayyaan guutaman Itiyoophiyaa keessatti hojiirra oolchuuf kutannoo akka qaban kaasaniiru.
Hojjettoota teeknooloojichaa irratti hojjechuu danda’an horachuuf leenjii ogummaa akka mijeessanis dubbataniiru.
Akkasumas, tajaajila tajaajilichi maamiltootaaf kennu ammayyeessuu fi komii tajaajilamtootaa furuuf teknooloojii yeroon gaafatu hojiirra oolchuuf qama riifoormii eegalee ta’uu ENA’tti himaniiru.