Godinichatti olaantummaa seeraa fi nageenya waaraa mirkaneessuuf hirmaannaan hawaasaa cimee itti fufeera - ENA Afaan Oromoo
Godinichatti olaantummaa seeraa fi nageenya waaraa mirkaneessuuf hirmaannaan hawaasaa cimee itti fufeera
Mudde11/2018(ENA)-Godina Gujii Lixaatti olaantummaa seeraa fi nageenyaa waraa mirkaneessuuf hojiin qindoominaa hawaasa hirmaachise cimanii ittifufuusanii Wajjirri Bulchiinsaa Godinichaa beeksise.
Itti Gaafatamaan Waajirichaa Obbo Ayyalaa Danbaa hidhattoonni duraanii waamicha nageenyaa mootummaa fudhatanii deebi’uunsaanii itti fufeera jedhaniiru.
Hidhattoonni duraanii gara nagaatti deebi’an leenjii haaromsaa fudhatanii hawaasatti makamanii jireenya idileesanii akka gaggeeffatan taasifamaa jiraachuu kaasaniiru.
Gara fuulduraattis Godinichatti olaantummaa seeraa fi nageenya kabachiisuu fi cimsuuf hojiin qindoominaa hawaasa haala hirmaachise cimanii itti fufuu ibsaniiru.
Qajeelcha poolisii godinichaatti itti gaafatamaan kutaa miidiyaa fi komunikeeshinii Inispeektar Fayyeeraa Keeyiraddin, hidhattoonni duraanii guyyaa guyyaan gara daandii nagaatti dhufaa jiraachuu ibsaniiru.
Karaa dogoggoraan rakkoo keessa kan seenan hidhattoonni duraanii gara nagaatti akka dhufaniif Abbootiin Gadaa, Jaarsoliin biyyaa fi hawaasni waamicha taassisaa turuusaanii yaadachuun, kunis bu’aa qabatamaa fiduu ibsaniiru.
Jiraattota Godinichaa keessaa Abbaa Gadaa Jaarsoo Dhugoo, Jaarsolii biyyaa godinichaa fi kutaa hawaasaa biroo waliin ta’uun hidhattoota duriif waamicha nagaa taassisaa turuusaanii ibnsaniiru.
Kanaanis hidhattoonni durii hedduun Aadaa fi duudhaasaanii akkasumas, waadaasaanii kabajuun deebi’aa waan jiraniif godinichatti nageenyi bu’eera jedhaniiru.
Rakkoo mariin hiikuun ala wal miidhuurraa faayidaan argamuu fi jijiiramni dhufu hin jiru jedhaniiru.
Hidhattoota gara nagaatti deebi’an keessaa, Liiban Shaggaa yaada kennanneen nageenya filachuun deebi’uun hawaasa miidhe kiisuuf qophaa’uusaa ibseera.
Hidhattoonni bosonatti hafanis waamicha nagaa fudhatanii akka deebi’aniif dhaamsa dabarseera.