Tamsaasa Kallatti:

Godinichatti gaagura ammayyaa fayyadamuun oomisha dammaarratti hawaasni bobba’an fayyadamummaan isaanii guddachaa jira

 

Mudde 11/2018(ENA) – Godina Jimmaatti gaagura ammayyaa fayyadamuun oomisha dammaarratti hawaasni bobba’an fayyadamummaan isaanii guddachaa jiraachuu dubbatan.

Dargaggoonni godina Jimmaa inisheetivii mootummaan mijeesseefiin, gaagura ammayyaa gatii madaalawaan isaaniif dhiyaatetti dhimma bahuun oomishni dammaa isaanii guddachaa jiraachuu himani.

Turtii ENA waliin taasisaniin dargaggoo Kadir Awalii fi Alii Abbaa Foogii kanaan dura yeroo gaagura ammayyaa hin fayyadamne bu’aan argamu xinnoo ta’uu eeruun, amma erga gaagrura ammayyaa fayyadamanii bu’aan oomisha dammaa irraa argatan guddachuu himani.


 

Dargaggoo Kadir Awal kanaan dura gaagura lama kan qabu ture amma gara gaagura 13tti guddisuun, waggaatti oomisha dammaa kiiloo giraama 400 ol argachuun gabaaf dhiyeessuu isaa ibseeera.

Dargaggoo Alii Abbaa Foogiin gama isaatiin akka jedhetti, gaagura ammayyaa 7 irraa waggaatti damma hanga kiiloo giraama 300 argachuun gabaa isaa guddisuuf hojjechaa jiraachuu ibseera.


 

Waajjirri Qonnaa Godina Jimmaa gama isaatiin hojiiwwan waggoota 5n darban keessatti raawwatamaniin kutaaleen hawaasaa gaagura ammayyaa fayyadamuun oomisha damma irratti bobba’an fayyadamoo ta’aa jiraachuu beeksiseera.

Waajjira Qonna Godinichaatti ogeessa misooma harrii fi damma obbo Sayid Umar akka jedhanitti, erga inisheetiiviin dammaa eegalamee as gaagurri ammayyaa kuma 600 raabsameera.


 

Dargaggoonnii fi qonnaan bultoonni waldaan gurmaa’an kuma 60 ol damicharraa fayyadamoo ta’uu eeruun, bara darbe dammi toonii kuma 30 sassaabamuu ibsaniiru.

Bara baajataa kanatti dammi toonii kuma 40 akka oomishamu kan ibsan ogeessi kun, hojiiwwan inisheetiivii dammaa godinicha keessatti jalqabame cimee itti fufa jedhan.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015