Piriimar liigichaan Arsanaal Evertan waliin Maanchistar siitiin Westihaam Yunaayitid waliin taphni taasisan hawwiin eegama - ENA Afaan Oromoo
Piriimar liigichaan Arsanaal Evertan waliin Maanchistar siitiin Westihaam Yunaayitid waliin taphni taasisan hawwiin eegama
Mudde 11/2018(ENA)-Taphni piriimar liigii Ingiliz torban 17ffaan har’a eegala.
Taphoonni yeroo ayyaana Gannaa har’aa eegalanii gaggeeffamu.
Galgala sa’aatii 5:00tti Evertan Arsenaal waliin Istaadiyeemii Haldiikensenitti ni taphatu.
Everten qabxii 24n sadarkaa 9ffaa qabatera.
Arsenaal qabxii 36 liigicha dursaa jira.
Maanchistar siitiin Westihaam Yunaayitid waliin galgala sa’aatii 12:00 taphasaanii ni gaggeessu.
Manchistar siitiin qabxii 34n sadarkaa 2ffaa qabateera.
Westihaam Yuunaayitid qabxii 13n sadarkaa 18ffaa qabatee sadarkaa gad-aanaa irratti argama.
Taphoonni lamaan wal-morkii waancaarratti dhiibbaa kan uumanidha.
Sagantaawwan biroon Niwukaastil Yuunaayidid chelsii waliin guyyaa sa’aatii 9:30, Tootinihaam Hotispersi injifataa liigichaa yeroosanaa Liiverpuul waliin taphasaanii gaggeessu.
Wolvis Birentifordi waliin, Biraayiten Sandarlaandi fi Bornimaawuz Barniley waliin yeroo walfakkaataa sa’aatii12:00 irratti taphatu.
Liidsi yunaayitid, Kiristaal Paalaas waliin galgala sa’aatii 5:00 taphasaanii gaggeessu.
Waktii ayyaana Gannaa faranjootaatti taphasaanii har’aa eegalanii kan gaggeesan yoo ta’an guyyoota ittifufan 16 torban 4f taphasaanii gaggeessu.