Keeniyaan Itiyoophiyaa waliin Riijinichatti Nageenyaa fi Tasgabbii cimsuuf fedhii qabdi- Ambaasaaddara Keeniyaa Gaggeeffaman Joorji Oriinaa - ENA Afaan Oromoo
Keeniyaan Itiyoophiyaa waliin Riijinichatti Nageenyaa fi Tasgabbii cimsuuf fedhii qabdi- Ambaasaaddara Keeniyaa Gaggeeffaman Joorji Oriinaa
Mudde11/2018(ENA)- Keeniyaan Itiyoophiyaa waliin shororkeessitoota waraanuu dabalatee Riijinichatti Nageenyaa fi Tasgabbiif deeggarsa taassistu guddisuuf waloon hojjechuushee akka itti fuftu Itiyoophiyaatti Ambaasaaddarri Keeniyaa Gaggeeffaman Joorji Oriinaan ibsan.
Ambaasaaddar Joorji Oriinaan tumsi waloo Itiyoophiyaa fi Keeniyaa walitti dhufeenya seenaa qabeessa guddaa kan qabu ta’uu turtii ENA Afaan Oromoo waliin taasisaniin ibsaniiru.
Michummaan biyyoota lamaa bara Pirezidaantii jalqabaa Keeniyaa fi Abbaa Keeniyaa kan jedhaman Joomoo Keeniyaataa fi yeroo Haayilesillaasee irraa eegalanii hariiroo obbolummaa qabaachuusaanii ibsuun, tumsisaanii daawwannaawwan adda addaa sadarkaa gurguddoo irratti taasifamu fi mariiwwan irratti cimsaa dufuusaanii ibsaniiru.
Gaanfa Afriikaatti Nageenyaa fi tasgabbii buusuuf hariiroo cimaa uumuun hojjechaa jiraachuu dubbataniiru.
Somaaliyaatti Gamtaa Afrikaatti ergama nagaa eegsisuu dabalatee Riijinichatti shororkeessummaa waraanuu fi nageenya waaraa buusuuf tattaaffii taassifamu irratti tumsaan hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.
Nageenyi fi tasgabbiin misooma itti fufiinsa qabu riijinichaaf bu’uura cimaa ta’uu ibsaniiru.
Gama biroon hariiroon Daldalaa Itiyoophiyaa fi Keeniyaa guddachaa dhufuu kan ibsan ambaasaaddar Joorji Oriinaan, Daldallli bilisaa Riijinii Ardii Afrikaa guddina Diinagdee Ardii caalaatti akka babal’isu dubbataniiru.
Daldallii fi Tuurizimiin walitti dhufeenya uummataa guddisuuf qooda olaanaa bahaa jiru jedhaniiru.
Riijinichatti walittidhufeenyii riijinii akkadagaaguuf kutannoon akka hojjetan mirkaneesaniiru.
Itiyoophiyaa, Keeniyaa fi Sudaan Kibbaa geejibaan kan wal quunnamsiisuuf piroojektiin “ Laapseetii” fi kuusaa Aannisaa Afriikaa Bahaa dabalatee bu’uuraalee Misoomaa biroo walitti dhufeenya riijinii cimsuuf humna guddaa ta’uu dubbataniiru.
Ambaasaaddaar Joorji Itiyoophiyaan Hidha Haaromsa Gudiicha eebbisuusheen baga gammaddan kan jedhan yoo ta’u, Hidhichi riijinichatti cehumsa kan uumu piroojaktii guddaa ta’uu ibsaniiru.
Hariiroon dippiloomaasii Itiyoophiyaa fi Keeniyaa kan eegale A.L.A bara 1963 ta’uu odeefffannon ni mul’isa.
Tasgabbii riijinii fi nageenya, daldalaa fi bu’uuraalee misoomaan walitti hidhuun tumsa mul’ata biyyotaati.