Tamsaasa Kallatti:

Naannoo Somaaleetti tajaajilli Wiirtuu Tokkoo (Mesob)n jalqabame

 

Mudde 11/2018(ENA)- Naannoo Somaaleetti Tajaajilli Wiirtuu Tokkoo (Mesob)n eebbifamee tajaajilaaf banaa ta’e.

Tajaajilli Wiirtuu Tokkoo sirna ammayyaan lammiileen gargaarsa teeknooloojiin bakka tokkotti tajaajila hedduu argachuu akka danda’an kan taasisu ta’uun isaa beekamaadha.

Guyyaa har’aas Tajaajilli Wiirtuu Tokkoo (Masoob) naannoo Somaaleetti hojii eegaleera.


 

Tajaajila kana kan eegalsiisan Bulchaa Mootummaa Naannoo Somaalee obbo Mustafee Mohaammadii fi Waajjira Ministeera Muummeetti Deetaa Ministira Dhimmoota Kaabinee Akiliiluu Taaddasaadha.

Wiirtuun kuni magaalaa Jigjigaatti kan ijaarame yoo ta’u, marsaa jalqabaan dhaabbilee 9tti tajaajilawwan 32 qindeessuun kan kennu ta’uu beekameera.

Giddu-galli Tajaajila iddoo tokkoo Somaalee humna namaa fi teeknooloojiin qindaa’uun hojiitti galuu isaa ibsameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015