Tamsaasa Kallatti:

Kenni Tajaajilaa Hospitaala walii galaa Asoosaa Muuxannoon kan irraa fudhatamu dha

Mudde 10/2018(ENA)- Kenni Tajaajilaa fi itti fayyadama Oksijiinii  Hospitaala Waliigalaa Asoosaa muuxannoon kan irraa fudhatamu ta’uu Deetaan Ministira Fayyaa Fireehiwoot  Abbabaa  Dubbatan.

Hirmaattonni Qorannoon biyyoolessaa oksijiinii wal’aansaa Magaalaa Asoosaatti  gaggeeffamaa jiru  irratti argaman Kenni Tajaajilaa fi itti fayyadama Oksijiinii  Hospitaala waliigalaa Asoosaa  daawwataniiru.

Deetaan Ministira Fayyaa Fireehiwoot Abbabaa   akka dubbatanitti, Hospitaalichi oksojinii wal’aansaa Omishuu eegaluusaan kenna tajaajilasaa faayyessuurra darbee  hawaasa naannichaa  baasii fi bu’aa bahii irraa oolcheera.

Oksijiinii Hospitaalichi Omishu  bakka wal’aanamtoonni jiranitti  sararaan waliin ga’uuf   hojii eegale   Hospitaalota biroof  muuxannoon  kan irraa fudhatamu ta’uu  dubbataniiru. 

Hospitaalichi ijaarsa wal’aansa tasaaf ta’u hojjechaa jiraachuu  kan dubbatan Deetaan Ministiraa kunis Hospitaalichi sadarkaasaa kan eeggatee fi  wal’aansa gosa hundaaf  qophii akka  ta’u  taasisa jedhaniiru.

Ministeerichi kenna tajaajilaasaa caalaatti akka fooyyessuuf maashinoota  baqaqsanii yaaluu  gargaaru deeggarsa taasisuu  eeruun, fuuldurattis qooda fudhattoota waliin  marii’achuun  deeggarsa barbaachisaa Hospitaalichaa akka taassisu  eerara.

Daawwannicharratti kan hirmaatan hojii raawwachiisaan Hospitaalaa Barnootaa Yunvarsiitii Diillaa  Obbo Tizaalany Tasfaayee fi  Kolleejjii Medikaalaa Hospitaala Adaamaarraa  kana dhufan  doktar Sintaayyoo Takilee akka jedhanitti, Hospitaala walii galaa Asoosaatti  fayyadamni oksijiinii  yaalaa fooyy’aa ta’uu dubbataniiru.

Keessumaa Oksijiiniin siliindara dabalatee   kutaa wal’aanamtoonni    argamanitti  hojiin sararaan  wal-qunnamsiisuu fi  ijaarsi babal’isuu  Hospitaalichaa  kenna wal’aansaa ammayaaf  mijataa  ta’uu  ibsaniiru.

Hojii gaggeessan Hospitala walii galaa Asoosaa Jaafar Marqanii  gamasaaniin  Hospitaalichi naannichaa fi  naannoolee ollaaf  fi godaantota naannichatti argamaniif tajaajila kennaa jiraachuu ibsuun, oksijiinii omishuu jalqabuunsaa kenna tajaajilasa fooyyessuuf qooda olaanaa qaba jedhaniiru.

#EnaAfaanorormoo#ENA#TOI

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015