Naannoo Oromiyaatti sadarkaa manneen barnootaa fooyyessuuf xiyyeeffannoon kennameera - ENA Afaan Oromoo
Naannoo Oromiyaatti sadarkaa manneen barnootaa fooyyessuuf xiyyeeffannoon kennameera
Mudde 10/2018(TOI) – Naannoo Oromiyaatti qulqullina barnootaa mirkaneessuuf hojiilee raawwataman keessaa sadarkaa manneen barnootaa fooyyessuuf xiyyeeffannoon kennamuu Biiroon Barnootaa Naannichaa ibse.
Magaalaa Naqamteetti, mana barumsaa Bakkee Jamaa sadarkaa tokkoffaa gara sadarkaa lammaffaatti guddisuuf sagantaa adeemsifame irratti hoggantoonni naannoofi magaalittii argamanitti gaggeeffameera.
Akka itti aanaan itti gaafatamaa Biiroo Barnootaa Oromiyaa Efreem Tasammaa jedhanitti qulqullina barnootaa naannichaa mirkaneessuuf hojjetamaa jira.
Hojiilee kanneen keessaa sadrkaa manneen barnootaa fooyyessuun xiyyeeffannoon hojjetamaa jraachuu eeraniiru.
Manneen barnootaa saarkaan isaanii fooyyeffaman keessaa tokko Mana barumsaa Bakkee Jamaa eeruun, sadarkaa mana barumsaa kana fooyyessuufi birrii miliyoona 71 akka gaafatu ibsaniiru. Ijaarsi babal’isuu gaafa xumuramu immoo barattoota hanga kuma tokkoo ol simachuu akka danda’u ibsaniiru.
Ijaarsi isaas baatii sagal keessatti kan xumuramu ta’uu ibsuun, ijaarsa isaas dhaabbanni OBAM akka xumuru himaniiru.
Qulqullina barnootaa eegsisuuf dhaloota dorgomaafi gahoomaa ta’e horachuuf dhaabbilee barnootaa mijatoo ta’e uumuun barbaachisaadha kan jedhan immoo kantiibaa magaalaa Naqamtee Masarat Hayiluu dha.
Humna nama baratee dorgomaa horachuuf bu’uurarraa kunuunsuun guddisuun murteessaa waan ta’eef hojiirra oolmaasaaf manneen barnootaa sadarkaa 1ffaarratti xiyyeeffannoon kennamuu kaasaniiru.
Kana dhugoomsuuf Biiroon Barnootaa Oromiyaa Waajjira Barnootaa Magaalaa Nagamtee waliin qindoominaan hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.
Ijaarsi Mana barumsaa Sadarkaa 2ffaa Bakkee Jamaa gaaffii hawaasa naannichaa yeroo dheeraa kan deebise ta’uu dubbataniiru.
Itti Gaafatamaan Waajjira Barnootaa Magaalaa Naqamtee obbo Caalaa Gammadaa Ijaarsi Mana Barumsaa sadarkaa 2ffaa Bakkee Jamaa gaaffii hawaasaa kan deebise ta’uu ibsaniiru.
Ijaarsi Mana Barumsichaa hanqina daree Barnootaa kan furu ta’uu ibsaniiru.
Namoota sadarkaan mana barumsichaa fooyya’uu ilaachisee yaada kennan keessaa jiraataan ganda 06 obbo Fiqaaduu Dabalee magaalichatti qulqullina Barnootaa eegsisuuf hojiiwwan hojjetaman cimanii itti fufuu qabu jedhaniiru.
Aadde Itiyyee Bashaa gamasaaniin ijaarsi babal’isuu ijoolleen keenya mana barumsaa sadarkaa 2ffaa dhiheenyatti akka argatan dorgomummaansaanii akka dabaluuf carraa bana jedhaniiru.